Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Appilikeeshiniin daa'immanii 'Facebook' mudaa godhate
Mudaan appilikeeshinii 'Facebook' daa'imman ganna 13 gadii qofti fayyadaman 'Messenger Kids' jedhamu irratti argame kan namoonni umuriin isaanii sanaa olii akka daa'imman waliin haasa'an taasisa jedhe 'Facebook'.
Bara 2017 kan hojii eegale appiin 'Messenger Kids' jedhamu daa'imman appii warra ga'eessotaa fayyadamanii rakkoof akka hin saaxilamneef yaadameeti.
Appii kanarratti daa'imman hiriyoota isaanii maatiin akka waliin haasa'an hayyamaniif qofa waliin haasa'uu danda'u.
Mudaan dizaayinii reefu argame garuu ga'eessonni hin hayyamamneef appii kanatti fayyadamuun daa'imman waliin akka haasa'an karra baneera jedhame.
"Mudaan kun daa'imman gareen haasa'an (Group chat) muraasa qofa irraatti dhiibbaa geesisa, kanas matii beksifneerra," jedhe kaampaniin 'Facebook'.
Gareelee mudaa kanaan dhiibbaan irra gahuu malu akka cufeefi maatiin nageenya ijoollee isaanii tiksuu akka danda'an deeggaruu himeera.
'Haasaa garee'
Daa'imman wayita 'Messenger Kids' fayyadaman ijoollee maatiin ykn guddistoonni isaanii akka waliin haasa'an hayyaman qofa waliin haasa'u.
Haasaa garee irratti garuu daa'imni tokko nama sadaffaa maatiin ishee akka waliin haasa'an hin hayyamne kan maatiin daa'ima lammataa hayyama kennaniif waliin haasa'uuf banaa ta'a.
'Messenger Kids' ga'eessoti (maatii ykn guddistoota ta'an) karaa appichaa daa'imman isaniitti akka dubbatan ni hayyama. Kana jechuun haasaa garee keessatti namni sadaffaa daa'imman waliin haasa'u kun ga'eessa ta'uu danda'a jechuudha.
Dubbi himaan 'Facebook' battala mudaa kana arganitti akka sirreessaniifi komiin tokkollee akka hin dhiyaanneef himaniiru.
Mudaan kun yeroo hagamiif akka ture garuu hin dubbanne.