Facebook: Feesbuukiin tajaajiilli isaa addaan cituun kun seenaa keessatti isaa hammaataadha

Feesbuukiin tajaajilli isaa addan cituun rakkachaa jira. Seenaa isaa keessatti kun isa hamaati. Kunis tajaajilli ijoo gaafa Roobii irra jalqabee tajaajilamtoota idil-addunyaatti fayyadamu dhabuun rakkina ta'e jira.

Yeroo dhumaaf Feesbuukiin rakkoo kan qabaate bara 2008 yoo ta'u, kunis fayyadamtoonni miliyoona 150 ta'an osoo fayyadamaa jiraanidha. Kun immoo kan har'aa waliin yoo ilaalamu ji'aatti fayyadamtoota biliyoona 2.3 ta'a jechudha.

Tajaajilaa Feesbuukiin kennu gurguddoo keessa, appilikeeshiinii eergaa lamaafi fuula suuraa waliif qoodaan 'Instagram' dabalte miidhaan irra gahe jira.

Sabaabni jeequmsaa kanaa amma ammaatti uummaataaf ifaa hin taane.

"Akka namoonni muraasa tajaajilaa appilikeeshiinii Feesbuukiin keennu fayyadamuuf rakkachaa jiraan beekna." jedhaan warri Feesbuukii.

"Saffisaan rakkinna kana furuuf hojjachaa jirra."

Ammatti rakkoon kun suuta suutaan kan furamaa jiru fakkaata.

Akkamitti bayyinni rakkoo ta'a?

Akka namoonni jedhanitti jeequmsi kun gaafa Roobii galgala sa'aatii 1tti jalqabe.

Fayyadamtoonni tajaajilla Feesbuukii fayyadamuu danda'anis, garuu wantoota adda addaa maxxansuu hin dandeenye.

Fayyadamtoonni 'Instagram' immoo waan maxxanfame arguu hin dandeenye. Meesenjariin feesbuukii kompiitaraatti immoo hin banu ture- kan bilbilaan garuu ergaa dabarsuun ni dandaa'ama ture.

Fayyadamtoonni garuu tajaajillichi tasa qabiiyyee biroo waliin walitti makame jedhu. Kan akka WhatsApp, appilikeeshiinoonni Feesbuukii biroos rakkinna kana keessa darbaniiru.

Jeequmsi kun immoo iddoo hojii Feesbuukiis jeeqe jira, tajaajillichi daldalaaf qunnamtii keessaa kenna ture.

Rebecca Brooker , Buenos Aires irraa jeequmsi kun hojii isaani irratti dhiibbaa gudda akka qabu BBCtti himtee jirti.

" Feesbuukiin itti fayyadama dhuunfaaf rakkoo bayyee hin qabu, garuu gaafa dhaabbatoonni gurguddoon hojiin isaanii isarratti hundaa'u maal goona?" jetti.

" Namoota waliin hojjannu Niw Yoork argamaniin waliin wal quunnamu yaala jirra. Feesbuukiin karaa wal qunnamtii keenya email alatti isaa tokko qofadha."

Deebiin namoota maal fakkaata?

Yeroo Feesbuukii fi Instagram rakkinna keessa turanitti , namoonni baayyinaan baacoodhaaf gara fuula Twitter goraniiru.

Fayyadamtoonni Twitter "Facebook-centric" keessaa hojjatan rakkinnaa fi dallansuu isaani ibsacha turani.

Fayyadamtoonni muraaasni immoo eega rakkiinni kun mudate booda hammam akka jireenyi isaanii marsaalee midiyaa hawaasa irratti hundaa'e hubachuu isaani himu.