Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaan dargaggeessa ganna 18 lammiilee Itoophiyaa - Israa'el oriisise
Ajjeechaa dargaggeessa ganna 18 lammii Israa'el dhalataa Itoophiyaa ta'een kan oori'an hawaasni Itoophiyaa-Israa'el mormiif bahanii poolisii biyyattii waliin walitti bu'an.
Solomoon Takkaa qondaala poolisii hojiirra hin jirreen rasaasaan dhahamee lubbuun isaa kan darbe Dilbata ture.
Poolisiin kun dargaggoota wal lolaa turan lama gargar dhoowwuf gidduu seenee akka ture marsariitiin oduu Haaretz jedhamu gabaaseera.
Namoonni ijaan argan garuu poolisichi dargaggoota lamaan meeshaa waraanaan doorsisaa akka ture himaniiru.
Akka miidiyaaleen biyyattii gabaasanitti qondaalli poolisii ajjechaa dargaggoo kanaan shakkame to'annoo jala ooleera.
Haa ta'u malee, kun hawaasa dhalattoota Itoophiyaa lammummaan isaanii Israa'eel ta'an dheekkamsiisee guyyoota lamaaf [Wiixataa fi Kibxata] mormiitti jiru.
Hiriira Kibxata galgala bahame irratti poolisoonni 111 madaa'uu fi namoonni poolisoota haleeluun shakkamaniifi konkolaataa karaa irratti guban 136 o'annoo jala ooluu qondaalli poolisii Israa'eel Miikii Roosenfiild twitter irratti barreessan.
Dhalattoonni Itoophiyaa lammii Israa'eel ta'an poolisiin biyyattii ta'e jedhee isaan irratti haleellaa raawwataa jira jechuun komatu.
Hiriirri Kibxata galgalaa daandilee gurguddoo biyyattii cufuun sochii tiraafikaa ugguree ture.
Poolisiin gaazii imimmaanessu fayyadamuun hiriiricha bittinseeraa. Kan kan godhe hiriirichi gara hokkaraatti waan jijjiirameefi jedhe.
Akka 'the Jerusalem post' gabaasetti MM Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu "rakkoon furamuu malu ammallee jiraachuu" akka beekanii fi akka furaman himanii mormitoonni daandii cufuu akka dhiisan gaafataniiru.
"Ilma koo dhiifaman gaafadha"
Sirni awwaalchaa dargaggoo Solomoon Takkaa Kibxata osoo hiriirri mormii kun hin bahamiin dura raawwate.
Abbaan dargaggoo ajjeefame Obbo Varkaa Takkaa, sirna kanarratti "Solomoon dhiifama akka nuuf godhu gaafanna, yeroo poolisiin kophaatti isa ajjeessu qaqqabuufi hin dandeenye" jechuun imimmaaniin gadda isaanii ibsataniiru.
"Gara Israa'eel kan dhufne daa'imman keenya akka nu jalaa ajjeefamaniif miti" jedhan.
Qaamni ajjeechaa ilma isaanii qoratu Damee Qorannoo Poolisii kan DIP jedhamu akka ta'uu hin qabnes gaafataniiru.
DIP kun yeroo mara hawaasa Itoophiyaa-Israa'el irratti haleellaa raawwachuun komatamu jedha gabaasni 'the Jersualem post'.