Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qeellam Wallaggaatti namoonni shan ajjeefaman
Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee Ganda Shimalaa keessatti namoonni shan Raayyaa Ittisa Biyyaatiin ajjeefamuu jiraattonni ganda kanaa nutti himan.
Uummanni ganda kanaa hedduun rakkoo nageenyaaf jecha bosonatti baqatee ammallee beelaan dararamaa jiraachuu jiraattonni kunneen nutti himaniiru.
Jiraataan Ganda Shimalaa Obbo Yohaannis Waggaa Kibxata ganama Raayyaan Ittisa Biyyaa haala kanaan dura hin beekamneen dhukaasa banee uummata dammaqee manasaatii yaa'e haleeluu eegale jedhan.
Kana gidduutti namoonni shan ajjeefamuu kan dubbatan Obbo Yohaannis namoonni ajjeefaman kanneen abbootii maatii ta'anii fi dargaggoota gandichaati jedhan.
Namoota ajjeefaman kunneen keessaa tokko dura taa'aa qeerrootti ittiin jedhanii bakka inni ceesutti ganamaan dhaqanii ajjeesan jedhan Obbo Yohaannis.
Ergasiis yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuu kan dubbatan Obbo Yohaannis ''Uummatni bosonatti baqatee achi jira. Jaarsoliin biyyaa warri qe'eetti hafan ammoo wayita dhaqanii reeffa awwaallanna jedhanii gaafatan ni dhorkaman. Inumaa dararamatu irra ga'e'' jedhan.
Waraana Adda Bilisummaa Oromoo soortu jedhanii ajjeechaa kana raawwatan jedhu Obbo Yohaannis, amma baqatanii bosona keessa akka jiraniifi waan nyaatan argachuu dhabanii maatiiwwan hedduun daa'ima qabatanii qe'eedhaa baqatanii isaan waliin bosona jiraachuu dubbatu.
Jiraataan Ganda Shimalaa kan biraan Obbo Muhaammad, uummanni ganda isaanii Adda Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhamuun dararamaa jiraachuu dubbatan.
Namoonni ajjeefaman kunneenis namootuma naannoo ta'uu kan himan Obbo Muhammad uffata waraanaa itti uwwisanii waraana Bilisummaa Oromoo ajjeesne jechuun dubbataa turan jedhu.
''Namoota ajjeefaman shanan keessa lameen isaanitti uffata buburree kan waraanaa fakkaatu itti uwwisanii meeshaa waraanaa irra kaa'anii ABO ajjeesne jechaa turan. Awalchallee nu dhowwan'' jedhan.
Amma uummanni bosona keessatti beela'aa jiraachuu kan dubbatan Obbo Muhaammad, naannoo isaanii qaamni waraana bilisummaa Oromooti ofiin jedhus ta'ee waraanni mootummaa baay'inaan waan jiraniif karaa ba'anii galan dhabuu dubbatu.
Dhimma ajjeechaa waan jiraattonni jedhan irratti Itti gaafatamaan Waajjira Bulchinsaafi Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Habtaamuu Taammiruu namoonni shan du'u mirkaneessu.
Garuu, kanneen du'an namoota nagaa osoo hin taane qaamolee hidhatanidha jechuun ibsu.
''Waraanni mootummaa yeroo socho'u namoota hidhannoon socho'an ykn shiftoota daggala keessaa wajjiin walitti dhufanii tarkaanfii irratti fudhatamedha malee ajjeechaan ummata nagaa irratti raawwate hin jiru.''
Wanti miidiyaa hawaasummaa irratti akka waan ummanni nagaan miidhame barraa'e dhugaa miti jechuun kanneen du'an kanneen nagaa ummataa rakkoo keessa buusaa turanidha jechuun dubbatan.
'Shiftaa'
Qondaaltonni mootummaa, waraana duraanii ABO'tti hidhata qabuufi bosonatti hafe shiftaa jechuun waamu.
Obbo Haabtaamuun yeroo deebisan kanneen waraana Bilisummaa Oromoo keessaa hafani bosonatti hafanidha jechuun ibsu.
''Warra adda bahedha. Maqaa biraas hin qabani. Maqaan isaanii shiftaa irraa kan adda bahe hin jiru,'' jedhaniiru.
Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo tibbana si achi waraana hogganu hin qabu jedhe labseera. Waraanni bosonatti hafes dhaaba jala akka hin bulle ibsuun isaanii ni yaadatama.
Haa ta'u malee, waraana mootummaa Lixa biyyattiitti socho'e waliin darbee darbee walitti bu'iinsa mudatun lubbuun lammiilee nagaas ni darba.
Yeroo hedduu garuu yaada garasiifi garana dhufu qaama walabaa irraa mirkaneessuun rakkisaadha.