Wallagga Lixaatti namoonni ajjeefamuu jiraattonni himan

Godina Wallagga Lixaafi Qeellam Wallaggaa keessa yaaddoon nageenyaa akka jiru jiraattonni dubbisne tokko tokko BBCtti himaniiru.

Waraanni humna mootummaafi waraana ABO gidduu jirus akka itti fufee jiruufi kana irraa kan ka'e jiraattonni aanolee tokko tokko miidhaaf saaxilamaa jiraachuu dubbatu.

Jiraataan aanaa Gaa'oo Qebbee maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne dubbisne tokko gaafa Sanbata darbe hojjetaan fayyaa qoricha bitatee gara magaalaa Arroojjii jedhamtu godina Q/Wallaggaatti osoo deebi'uu humna mootuummaan ajjeefameera jedhe.

"Qoricha bittee deemaa jirtu loltoota ABOf geessita jedhanii ajjeesanii bo'ii keessa buusanii darban."

Namni dubbisne kun dargaggoonni karaa irras tahe magaala keessa deemuu hin dandeenyu maandhee ABOti jechuun nu hidhu jedhe.

Kanaafis sodaannee baqataa jirra jechuun BBCtti hime.

Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii aanaa Gaa'oo Qebbee irraa akka odeffanneettis naannoo Arroojjii jedhu keessa rakkoon nageenyaa jiraachuu uummata irraa dhageenyeerra jedhe.

"Kanaanis hojjetaan fayyaa tokko ajjeefamee argamee jedhan. Guyyichi guuyyaa gabaa ture. Namoonni dubbisuuf yaalle dhukaasni dhagahamuu nutti himan."

Haatahu malee, bakkichi magaalaa Qeebbee irraa xiqqoo waan fagaatuuf yeroodhaan bakkicha gahuun adda baasuu hin dandeenye jedhan.

Dabalataan godinichi komaandi Postii jala waan jiruuf socho'uuf mijataa miti jedhanii garuu qaama kamtu ajjeese kan jedhu waanti beeknu hin jiru jedhan.

Arroojjiin gara bosonaafi paarkii Dhaatii Walalitti dhiyoodha waan ta'eef waraanaa mootummaas tahe kan ABO waan jiraniif yaaddoo tahuu danda'a jedhanii, qofaatti garuu dargaggota irratti kan xiyyeeffate hin jiru jedhan.

Dabalataan godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assabii naannoo Innaangoo jedhamutti namni ajjeefamuu karaa miidyaalee hawwaasaa barreeffamaa ture.

Dhimma kana qulqulleessuuf gara qondaaltota mootummaa godinichaatti bilbillus bilbila nuuf kaasuu hin dandeenye.

Haatahu malee, komunikeeshinii godinichaatti bilbiluun karaa keessaa namni ajjeefamuu nuu mirkaneessanii odeeffannoo guutuu garuu nuuf hin kennine.

Namni dubbisne biraan osoo achiin darbuu Bajaajii rukkutamtee karaa irra dhaabbattuufi dhiiga daandii irratti dhangala'e argeera jedhe.

Dabalataan eenyutu ajjeechaa kana raawwate, namoota meeqatu ajjeeffame kan jedhuuf ammoo bilbilaan dubbisuuf yaallus milkaa'uu hin dandeenye.

Dabalataan Dhimmi Nageenyaa naannoo Oromiyaa odeeffanicha qulqulleeffachuu qabna ammaaf quba hin qabnu kan jedhuufi yoo odeeffannoo gahaa argatan akka nutti himan bilbilaan BBCtti himan.

Odeeffannoo guutuu hordofnee kan isin biraan geenyu taha.