Awustraaliyaan namni 'sperm' arjoome abbaa seera qabeessa daa'imaati jette

Suuraa abbaan daa'ima harka qabatee jiruu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ''Daa'mni 'abbaa' jettee waamaa turte ...''

Namtichi lammii Awustiraaliyaa waggoota 11 dura dubartii tokkoof isparmii arjoome, dubartittiin daa'ima yeroos dhalatte fudhattee biyyaa akka hin baane himate irra aane.

Manni murtii Olaanaa Awustiraaliyaa namtichi jireenya mucattii keessaa qooda waan qabuuf abbaa ishee seera qabeessa akka ta'e murteesse.

Murtoon kun kan manni murtii gadi aanaa biyyattii, kana dura namni 'isparmii' arjoome mirga abbaa ta'uu hin qabu jedhee murteessee, haqsiise.

Ogeessotni dhimmi kuni Awustiraaliyaa keessatii eenyutu 'maatii' ta'uu danda'a kan jedhu irratti jijjiirama fiduu mala jedhan.

Abukaatoon nama kanaa Taahliyaa Bileera, dhamaatii waggaa shanii booda gammadeera jedhaniiru.

Murtichi, ''abbaa daa'ima isaa jaalallee ykn haadha warraa osoo hin taane, hiriyaa isaa waliin guddisuu barbaaduuf murtii gaarii dha'' jechuunis BBC'tti himaniiru.

Maaltu tahe?

Namni ganna 49 fi haati mucaa yeroos hin heerumne, hiriyyoota turan. Inni 'Isparmii' akka arjoomuuf bara 2006tti waliigalan.

Daa'ima waliin guddisuuf walii galan. Boodarra garuu, walirraa fagaatan jedhu abukaatoon nama kanaa. Abukaatoon haadhaa immoo inni abbaa mitii jedhu.

Haa tahu malee, waraqaa ragaa dhalootaa daa'imaa irratti garuu akka abbaatti maqaan barreeffame ture, mucaanis ''abbaa'' jettee waamaa turte.

Gaafa Roobii, Manni Murtii Olaanaa Awustiraaliyaa namni kuni abbaa seera qabeessa akka tahe murteesse, haaatis mucaa qabattee gara Niiw Ziilaand akka hin deemne dhorke.

Yunivarsiitii Laa Tiroobeetti piroofeesara seeraa kan tahan Fiyoonaa Keelii seerri maatii biyyattii namni ispeermii isaa dubartii hin heerumneef arjoome jireenya daa'imaa keessatti qooda qabaachuu ni danda'a jedhu.

Garuu Piroof, Keeliin murtichi abbaan akkasii hanga maaliitti qooda akka fudhatu hin ibsu, inumaayyuu ''dhimma biraaf karaa bana'' jedhaniiru.

''Namooti ispeermii arjooman baay'een jireenyaa daa'imaa keessatti sadarkaa garaagaraan qooda fudhatu. Garuu ''nuti abbootii seera qabeessadha hin jedhan'' kunimmoo namoota baay'ee naasisaa dhufe jedhu proofeesar Keeliin.

''Murtoon kuni rakkoo maatii kanaa fureera- garuu warri kun adda dha. Namni ispeermii arjoome yeroo baay'ee waraqaa ragaa dhalootaa irratti maqaansaa hin katabamu.

Dhimmichi gaaffii seeraa biraa kaasuu ni danda'a jechuun waliigalu proofeesar Beelindaa Feehliiberg yunivarsiitii Meelboorn irraa.