Giriikiitti daa'imni nama sadiirraa dhalate

Suuraa IVF

Madda suuraa, SPL

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'ima mala saayinsawaa IVF jedhamuun dhalate

Hakiimooti wal-hormaataa Giriikiifi Ispeen maseenummaa dubartii furuuf jecha nama sadiirraa daa'imni akka dhalatu gochuu isaanii dubbatu.

Mucaan kg 2.9 ulfaatus Kibxata darbe dhalateera, mucanis ta'e haati mucaa fayyaa gaarii irra jiru jedhan.

Doktaroonni kana argatan ''gama fayyaatiin seenaaa hojjenne'' kunimmoo addunyaa mara irratti namoota rakkoo wal-hormaataa qaban ni gargaaraa jedhan.

Haa tahu malee ogeessooti UK malli saayinsaawaa kuni gaaffii naamusaa qaba jechuun mormanii jiru.

Malli saayinsaawaa IVF jedhamu kuni hanqaaquu haadhaa, ispeermii abbaafi hanqaaquu dubartii biraa arjoomaan kenname fayyadame.

Maatii dhukkuba balaafamaa maayitookondoriyaa kan sanyiin daddarbu qaban gargaaruuf ture kan hojjetame.

Kana dura maatii Joordaan tokko qofarratti yaalamee wal-mormii kaasee ture.

Maayitokondoriyaan waantota xixiqqoo seelii namaa keessatti nyaata gara anniisaatti geeddarani yoo ta'an gara dhukkubaatti dabuu malu.

Qaccee sanyii haadhaa, maayitookondoriyaa dubartii arjoomtuu sanii waliin walitti makuun dhukkubicha ittisuun ni danda'ama.

Haa ta'u malee maayitookondoriyaan ulfa milkaawaa tahe qabachuu keessatti shoora akka qabu himama, mirkanaa'uu baatus.

Giriik keessatti haati ganna 32 dhukkuba kana qabdu yaalii mala saayinsaawaa kanaan ala afur hin milkoofne ture.

Amma haadha taatee jirti, sababii maayitookondoriyaan DNA mataasaa qabuuf, mucaanshees hanqaaquu arjoomaa irraa qaccee sanyii xiqqoo qabaata.

Fakkii caasaa seelii agarsiisu

Caasaa Seelii

Niiwukileesii: Iddoo harki guddeessi DNA keenyaa taa'u- kunimmoo bifaafi eenyumaa keenya murteessa.

Maayitookondoriyaa: Warshaa seelii jedhamuun beekama, kunimmoo seeliin akka hojjetuuf annisa uuma.

Siitoopilaasim: Waanta dhoqona'aa niiwukilasiifi maayitookondoriyaa qabate dha.