Ministira Muummee UK ta'uuf dorgomtoonni eenyu fa'i?

Ministirri Muummee UK Tireezaa Meey aangoo gadi lakkisuuf akka jiran beeksisuu isaanii booda qondaaltonni hedduun bakka kana qabachuuf akka dorgoman beeksisaniiru.
Namni bakka Tireezaa Meey gadi dhiisuuf murteessan ,dura taa'ummaa paartii Conservative, ta'ee filatamu nama Ministira Muummee biyyattii ta'uudha.
Kanaafuu Tireezaa Meey namni paartii Conservative dursu kan filatamuu qabu utuu ji'i kun hin dhumin ta'uu qaba jedhu.
Tireezaa Meey Jimaata kaleessaa ture aangoosaanii hanga Waxabajjii 7'tti gadi lakkisuuf akka jiran kan beeksisan.
Garuu hanga dorgomtoonni dorgommiisaanii xumuranii aangoo qabatanitti Ministira Muummee ta'anii akka turan ibsaniiru.
Bakkasaanii bu'uuf aanga'oonni dorgommiif kaadhimaman:
Ministira Dhimma Alaa biyyattii Jeerami Haant
Barreessaa Dhaabbata Misoomaa Idil-addunyaa Rooriir Istiwart
Ministira Dhimma Alaa biyyattii duraanii Booris Joonsan
Qondaala Dhimma Hojjettootaa fi Sooromaa duraanii kan turan Istar MaacVey
Namoonni dorgoman kunneen jalqaba maqaan isaanii misoonsota paarlaamaa namoota lama lamaan dhiyaachuu qaba, isa booda dhumarratti miseensonni paartichaa hundi bakka argamanitti sagaleen kennamee xumurama.
Paartiin Conservative miseensota 124,000 qaba.
Tereezaa Meey wayita aangoo gadi dhiisuu isaanii ibsanitti qondalli isaan booda dhufu dhimma hiree ofii ofiin murteeffachuu Uummata Biriiteen irratti cichee hojjechuu akka qabu dhaaman.


Miseensonni Paartii Conservative namoota akkamiiti?
Uk keessatti miseensonni paartii hedduun isaanii namoota galii giddu galeessaa ykn galii fooyya'aa qabaniidha.
Warreen paartii conservative keessa jiran ammoo diinagdeedhaan daranuu warra of danda'aniidha.
Dhibbeentaa 86 kan ta'an warra badhaadhinaan jiraataniidha.
Harka dhibba keessaa digdamii shan ammoo hojii mataasaanii uummatanii warra hojjechaa jirani.
Namoota 10 keessaa afur galiin waggaa isaanii Paawondii 30,000 ol, Namoota 20 keessaa tokko ammoo galiin waggaa isaanii Paawondii 100,000 olidha.

















