UK'n ministirri muummee haaraa dhuma Adoolessaa filatti

Tereezaa Meey

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Muummee UK Tereezaa Meey aangoo gadhiisuuf akka jiran beeksisan. Ministirri muumee haaraan bakka ishee bu'u ammoo dhuma Adoolessaa akka filatamu beekameera.

Meey Waxabajjii 7 irraa kaasuun aangoo isaanii gadhiisuun dorgommii ministira mummee haaraa murteessuuf haala mijjeessuuf jiru.

Haasawa miiraan guutame harra taasifteen Meey bu'aa rifarandamii EU kabajuuf kan ''Naaf danda'ame hojjadheera,'' jedhanii jiru.

Pirezedaantiin GFiraans Emaanu'eel Maakroon ammoo erga Meey aangoo akka gadhiistu beeksiftee booda, dhimma 'Brexit' irratti "ibsa atattamaa" barbaanna jedhan.

Komishiniinn Gamtaa Awurooppaas gama isaatiin ministira muummee Aadde Tereezaa Meeyiin bakka bu'u waliin akka hojjetu ibsuun, Waliigaltee Keessaa bahuu duraan taasifame irratti garuu jijjiiramni hin jiru jedheera.

Meey seenaa keessatti sagalee guddaadhaan labsii dabarsuu keessatti mo'amuushee agarsiisa

Sochii Bireekziitii fiixaan baasuu dadhabuun ishees dhimma ''gaabbii cimaa'' ishee keessatti uumeefi itti gadditu ta'uu himtee jirti.

Aduu addunyaafi biyya keessaa bakka tokkotti argachuudhaaf fuula BBC Afaan Oromoo banadhaa, waliifis dabarsaa

Hanga gaggeessitoonni warra 'Conservative' ta'an nama bakka ishee bu'uun ministira muummee ta'u filatanitti itti fuftee akka tajaajiltus dubbatteetti.

Turtii aangoo Meey

Aadde Meey karoora dhimma UK'n EU (Gamtaa Awurooppaa) keessaa ba'uuf baasanii turanirratti miseensota mana maree keessaa qeequmsa cimaatu ishee mudatee ture. Yeroo sanattis deggersa miseensota paartii biroo keessaa argachuuf yaalaa turte.

Ibsa Jimaata kenniteen, namni bakka ishee bu'uun ministira muummee ta'u 'Brexit' milkeessuudhaaf paarlaamaa keessatti waliigaltee uumuu qaba.

"Waliigaltee sanarra ammoo ga'amuun kan danda'amu falmiin gama hundaan jiru yoo waldhaggeeffateefi waliif hiledha," jette.

Akkaataa gaggeessaan haaraa itti filatamu

Meey akka jettutti miseensota mana maree amansiisuudhaan akka Gamtaa Awurooppaa keessaa itti baa'an akka deggeran gochuudhaan "waanan danda'u mara hojjedheera" jetti.

Aadde Meey xumura dubbisaaniirratti ''yeroo muraasa booda aangoon gadi dhiisa wayita jedhan haala rifaasisaadhaan.

Namni kun ministira muummee dubartii wayita ta'an nama lammaffaadha, garuu nama dhumaa miti.

Yeroo falmiirratti darbe kan agarsiisu

Madda suuraa, Alamy

Ministirri Dhimma Alaa UK Aadde Meey nama dhugaadhaan biyyasaaniif of kennanii hojjechaa turaniidha jedhan.

Qondaalli Julian Smith jedhamanis Aadde nama jabduudha jechuun jejaniiru.

Meey bakka bu'uudhaaf carraa caalaa eenyu qaba kan jedhu agarsiisa