Paarlaamaan UK Ministeerri Beelaa akka hundaa'u gaafate

Mucaa saayinaa qullaa wajjin taa'u

Madda suuraa, Getty Images

Gareen miseensota paarlaamaa, mootummaan, keessattuu ijoollee nyaata gahaa malee guddatan gargaaruuf Ministeera beelaa akka dhaabu gaaftan.

Koreen haajaa naannoo sakatta'u ijoolleen waggaa 15 gadiii harka 19 tahanifi UK keessa ga'eessota waliin jiraatan nyaata bituuf rakkatu- lakkoofsi kun biyyoota Awurooppaa biroo keessatti ni hammaata jedheera.

Korichi miinsteeroonni dhimma kana hin hubannee, deebiis hin kennine jedheera.

Mootummaan gamasaatiin lakkoofsi ijoollee maatii hojii hin qabne keessa jiraatan xiqqoo dha jedha.

Miseensonni paarlaamaa garuuu namooti nyaata madaalawaa bitachuu hin dandeenye dabalaa dhufuu kanaan namooti hojii hin qabne,dhukkubsattoonnifi namooti ijoollee qaban akka miidhaman dubbatu.

Korichi ministirri itti gaaftamummaa beelaafi hanqina nayaataa hambisuu UK dhaabbatee arguu akka barbaadu himeera.

Hojiin ministeera kanaa sababiifi hanga miidhaa beela kanaa, nyaataan of danda'uu dhabuufi hanqina nyaataa qorachuun tarsiimoo haalicha foyyessu dalaguu taha.

Gabaasni koree kanaa hariiroo beelaafi furdina gara-malee ibseera.

Dubbii himtuun Kutaa Hojiifi Sooramaa, bara 2010 irraa kaasee namooti miiliyoona tokko tahan daa'imman 300,000 tahan hiyyummaa gara malee keessaa akka baafaman himteetti.

Galiin maatii guddaa tahee hin beeku, lakkoofsi ijoolle maatii hojii hin qabne keessaa jiraatan garuu xiqqateera, haa tahu malee nyaata madaalawaa wal qaqqabsiisuuf ammas hojjetamuu qaba jetteetti.

''Mana barumsaatti nyaata kennuun akka deggaranis'' himaniiru.