Sanyii qamadii 'addunyaa beela oolchu'

Madda suuraa, WLADIMIR BULGAR/SCIENCE PHOTO LIBRARY
Sanyii qamadii "jijjiirama qilleensaa dandamatu" omishuuf tarkaanfii isa jalqabaafi murteessaa kan jedhame danaa jiinii ykn 'gene map' qopheessuun milkiin xumurameera.
Argannoon garee saayintiistota idil-addunyaa kun barruu saayinsii 'journal of Science' jedhamu irratti maxxanfameera.
Addunyaa irratti fedhiin qamadii daran dabalaa jira, jijjiirama qilleensaarraa kan ka'e ammoo hanga barbaadamu omishuun rakkisaa ture.
Danaan jiinii amma qophaa'e kun rakkoo kana furuuf mala dhahaa turre kan jedhan, dursaan garee saayintiistota kana piroofeesar Kiristoobal Uwaay, wanti amma argannee baroota dheeraaf eegaa kan turredha jedhu.
"Dhalli namaa hundi waa'ee kanaa gammaduu qabu, sababni isaan kun waan saayintiistonnifi qorattoonni sanyii midhaanii waggoota dheeraf milkeessuu hawwanidha."
Qorannoon kun jiinii qamadii 100,000 irratti kan hojjetame yoo ta'u, qamadii omisha hedduu kennuu danda'ufi ho'a olaanaa dandamatu omishuuf gargaara.

Dhaabbanni nyaataa addunyaa (FAO) akka jedhutti bara 2050 omishni qamadii addunyaa amma jiru dhibbeentaa 60'n guddachuu qaba.
Kunis lakkoofsa uummata addunyaa yeroo sanatti biliyoona 9.6 ta'a jedhamee timaamamu sooruufi.
Danaan sanyii qamadii amma adda bahe, gosa qamadii dhibeefi haala qilleensa dandamatu uumuu bira darbee gosa qamadii qabiyyee nyaata olaanaa qabu uumuuf ni gargaara jedhameera.
Bu'aan qorannoo kun ifaajee saayintiistota 200 kan dhaabbilee qorannoo 73 biyyoota gara garaa 20 keessatti argamaniin milkaa'edha.












