"Beela bara ijoollummaatu kalaqa kanaaf na kakaase"

Ibsa waa'ee viidiyoo, Kalaqxoota BBC

Oskaar Ekpooniimoo kalaqa kanaaf kan isa kakaase, beela bara ijoollummaa isaa isa hubaa tureedha. Yeroo abbaan isaa dhukkubsatee hojii dhiisee ture,maatiin isaanii guutuun beelaan hubamaa ture.

"Daa'imummaa kiyyatti nyaata otoo hin nyaatiin ykn guyyatti al-tokko qofa nyaadhee ooluu koo ni yaadadha."

Amma garuu, kalaqaan teeknoolojii lammii Naayjeeriyaa magaalaa Abuujaa kuni, rakkoo hanqina nyaataa furuudhaaf fala ta'eera.

Appilikeeshinii Choowubeerii (Chowberry) jedhamu kalaqee namoonni nyaata silaa gatamu akka argataniif, suupparmaarkeettotaan waliin akka walqunnaman kan taasiseedha.

"Daldaltoonni qinxaaboo odeeffannoo oomisha isaanii yeroon irra darbuuf dhiyaate appilikeeshinii kanarraa akka kaayan taasisa."

"Daldaltoonni qinxaaboo gatii oomishoota kanneenii baay'ee gadi hir'isuun gurguru. Sababni isaa ammoo oomishoota kanniin yeroon irra darbee gara kosiitti gatamuuf waan dhiyaataniifi.

"Nyaanni kuni silaa kan daldaltoonni gatuuf yaadaniidha. Garuu tooftaa nuti uumne kanaan gatuu dhiisan" jedha.

Oskaar Ekpooniimoo, hojii uumaa milkaa'ina Choowubeerii duuba jiruudha
Ibsa waa'ee suuraa, Oskaar Ekpooniimoo, hojii uumaa milkaa'ina Choowubeerii duuba jiruudha

Amma, Dhaabbileen Miti-Mootummaa nyaata kana gatii madaalawaan bituun nyaata raabsuu danda'an argatanii jiru.

Waggoota lama dura yeroo Choowubeerii eegallu suupparmaarkeetiin kuni dursee itti fayyadama kan jalqabeedha.

"Suuqiiwwan waliin hojjechaa jirru akka jedhanitti, erga nuun wajjiin hojjechuu eegalan booda wanta kanaan dura gara kosii gataa turan keessaa dhibbeentaa saddeettama (80%) hambisuu danda'aniiru." jedhe Oskaar.

Oomishni gatii hir'uun gurguramu kuni kan silaa gatamuufii, rakkoo wabii nyaataa hammeessuudha.
Ibsa waa'ee suuraa, Oomishni gatii hir'uun gurguramu kuni kan silaa gatamuufii, rakkoo wabii nyaataa hammeessuudha.

Akka qorannoon Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii qorachiise mul'isutti, akkuma addunyaattuu nyaata soorataaf oomishame keessaa harki tokko sadaffaan(1/3) ni gatama yookiin qisaasamee bada.

Kuni ammoo waggatti midhaan toonii biiliyoona tokkoo fi miiliyoona dhibba sadi(biiliyoona1.3 ) tayutu gatama yookiin qisaasama jechuu dha.

Dandeettiin Oskaar tokko, yeroo ergama isaa raawwatu namoota harka qalleeyyii galii gadi aanaa qaban dhaqqabuun fayyaduu akka hojii ijootti qabachuu isaati.

"Harka qalleeyyiin kunneen bilbila ismaartifoonii(smartphones) argachuu waan hin dandeenyeef, karaa Dhaabbilee Miti-Mootummaatiin(NGOs) isaan qunnamuun danda'ama." jedheera Oskaar.

Namoota nyaataaf hiriiran
Ibsa waa'ee suuraa, Oskaar namoonni galii gadi aanaa qaban akka nyaatanii bulan gargaaruu barbaada

Tiriftii Isleeyar (Thrifty Slayer), dhaabbilee tola-ooltummaa fi Miti-Mootummaatiin nyaata gatii gadi aanaan bituun kara Choowubeeriitiin sagantaa raabsaa nyaataa isaanii kanneen milkeessaa jiran keessaa isa tokko.

Dhaabbatichi Sagantaan deeggarsa nyaataa kana kan taasisu, uffata moofaa kennaan argatu gurguruunii.

Choowubeeriin akka sagantaan isaanii kuni fagoo tarkaanfatuuf akka isaan deeggare dubbatte hundeessituun Dhaabbata Tola-ooltummaa Tiriftii Isleeyar (Thrifty Slayer) Ijeewoomaa Niwiizuu (Ijeoma Nwizu).

"Hanga namoota afurtamaa nyaata nyaachisuu eegalleerra. Garuu,laakkofsi namootaa dabalaa dhufeera.

Nuti amma, isaanii fi namoota ollaa jiranis ni soorra. Kanaan ammoo, guyyaa Dilbataa yeroo hundumaa namoota dhibba-lama ta'an nyaata nyaachifna" jette Ijeewoomaa Niwiizuu.

"Akkuma laakkofsi namoota nuti nyaata soorruu dabalaa deemuun,akkaataa itti baasii keenya ammoo xinneessuu dandeennuun barbaadaa turre."

"Choowubeerii waliin hariiroo uumuu keenyaan nyaata baay'inna hamma barbaannuun akka argannu nu dandeessisee jira."

Oskaar Ekpooniimoo, hojii uumaa milkaa'ina Choowubeerii duuba jiruudha
Ibsa waa'ee suuraa, Oskaar Ekpooniimoo, hojii uumaa milkaa'ina Choowubeerii duuba jiruudha

Naayijeeriyaa keessatti namoonni baay'innaan miiliyoona kudha-afur caalan kanneen nyaata madaalawaa fi gahaa hin arganne(undernourished) akka tayan ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni mul'isa.

Gama kaaniin qisaasamni nyaataas baay'ee rakkoo guddaa dha. Hojii uumaan(entrepreneur) kuni falli salphaan inni rakkoo kanaaf uume kuni, akka addunyaa guutuuf fala ta'u hawwii qaba.

Sagantaan isaa kuni al-tokko Naayjeeriyaa fi Ardii Afrikaa keessatti yoo babal'atee lafa qabate, addunyaa guutuu keessatti jiruu fi jireenya ummata hedduu jijjiiru ni danda'a abdii jedhus ni qaba.

Qophiin BBC kuni deeggarsa maallaqaa Faawundeeshinii Biilii fi Meeliindaa Geetisiin hojjetame