Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoollee ganda 'hadholiin keessa hin jirre' keessatti guddataa jiran
Baha Indooneziyaatti gandooti haadholiin umurii dargagummaa keessaa jiran hundumaa sadarkaa jedhamuun hojiif biyya alaa deeman jiru. Warri Indooneeziyaa ''gandoota haadholii hin qabne'' jechuun waamu. Gaazexeessituun BBC Heenchkeeh ijoollee kanattii haasofteetti
Yeroo haatishee akkoosheetti ishee gattee deemtu Elii Sushiiwaatiin umriinshee 11 ture.
Bultii reefu dhaabatee deeggaruuf jecha haatishee Mariishiyaan hojii mana keessaa hojjechuuf gara Saawudi Arabiyaa deemte.
Eliin haadhashiin gargar bahuun akka ishee miidhe dubbatti.
''Yeroon hiriyyoottan koo maatii isaanii waliin argu immoo ittuu na guba. Haati koo akka naa dhuftun barbaada,'' jetti
''Haati koo akka deemtu hin barbaadu. Asuma turtee obbolaa koo akka kunuunsitun barbaada''
Ganda Eliifaa Waanaasaabaa, dubartoonni maatii isaanii deeggaruuf jecha gara biyya alaa deemuu isaanii waan ummanni fudhate dha.
Dhiiroti gandichaa qonnaa bultoota yookiin hojii humnaa guyyaa hojjeechuun horiin argatan, isa dubartoonni kanneen galaana ce'uun fidan wajjin wal hin dorgomu.
Mannneetiin gandicha keessa jiran walitti kan maxxananiifi daandiitti kan siiqani dha. Karaa doqdoqqeef murame duuba immoo maasiin ruuziitu babal'aatu jira
Haadholiin yeroo maatii bal'aa dhisanii hojiif deeman, abbootii warraa ijoollee kunuunsu. Namni gandicha keessa jiruu hundi mucaa walii waliinii eeguu.
Garuu, daa'ima tokkoof hadha ofii nagaatti jechuun ulfaataa dha.
Haati Karimaatuu Adibiiyaa immoo yeroo isheen waggaa tokko turte dha kan dhiisteenii deemte. Waan yaadattuu tokkoyyuu hin qabdu.
Haati ishe erga isheen barnoota tokkoffaa xumurtee booda dha ishee daawwachuuf kan dhufte.
Karimaatuun akka adaadaashee ishee guddistee tahuu barbaaddi.
''Baayyee burjaaja'een ture'' jetti Karimaatuun
''Haati koo maaliif akka haadhashee tahe hin beektu jettee yeroo adaadoo kootti boottu nan yaadadha.''
Karimaatuu suuraa haadha ishee argitee hin beektu. waanti waa'ee haadhashee beektu maqaa isheefi iddoosheen jirtu dha. Kanaaf, hubachuun yoo dhibe nama hin dinqu jetti adaadaa Karimaatuu
Amma umriishee waggaa 13tti yeroo hundaa haadha ishee wajjin viidiyoo dhaan walitti haasa'u. Garuu ammas hariiroon isaan gidduu jiru rakkisaa dha.
'' Yeroo haati koo boqonnaaf dhuftullee adaadoo koo wajjiniin turuu barbaada.'' jetti
Adaadoonshee Baa'iiq Nuurjaanaah ijoollee sagal guddisteetti kanneen keessaa tokko qofaatu kan isheeti warri kaan ijoollee obboleessaafi obboleettii hojii hojjeechuuf biyya alaa deemaniiti.
Dubartoonni kunneen bara 1980 jalqabeeti kan isaan hojiif gara biyya alaa imaluu kan jalqaban.
Eeegumsa seera qabeessa tahe ijaa hin qabneefi miidhaaf saaxilamoo dha.
Seenaan namooti du'anii reeffi isaanii dhufe jedhus ni dhagahama. Kaan immoo akka malee dhaanamnamii madaa yeroo dheeraa hambifataniiru. Warri kaan immoo waan hojjetaniif otoo hin kaffalamiiniif deebi'anii galaniiru.
Takkaa takkaa immoo haadholiin daa'ima quunnamtii hayyama malee raawwateen dhalatan wajjin dhufu.
Sanyii makamaa tahanii dhalachuun gandichatti akka waan addaatti ilaalama.