Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon Iraaq daawwatan

Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon akka tasaa Iraaq kan daawwatan.

Wayita Iraaq daawwatan kanatti Iraan waliin ammoo hariiroon isaanii laaffatee dhiphuu keessa jiru.

US akka jettutti lammiilee fi michoonni ishee Iraan jiran sodaachifamaa jiraatu.

Aab Poompewoon isa gara Barliin imaluuf jedhan dhiisanii gara Iraaq imaluun sa'atii afuriif magaalaa Bagdaad keessa turan.

Wayita aanga'oota Iraaq waliin mari'atan,''US eenyullee akka dhimma biyyaa ishee keessa galu hin eeyyamtu,'' jedhan. Loltoota US kanneen Iraaq jiraniif eegumsa cimaan akka taasifamuu qabus gaafatan.

Daawwannaa kana dura US sodaachisa loltoota ishee irra ga'aa jiru qolachuuf naannawa galoo galaanaa kanatti xiyyaara waraanaa ajajjee turte.

US sodaachisa loltoota isheerra ga'aa jiru adda baastee dubbachuu baattus, Iraan garuu dubbiin kun waan hiika hin qabneedha ittiin jetti.

Aab Poompewoon daawwannaa Iraaq booda gara Biriiteen imaluun Ministira Muummee Tireezaa May fi Ministira Dhimma Alaa Jeremy Hunt waliin wal arguuf jedhu.