Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltuu waraana Veetnaamiifi seenaatara Ameerikaa marsaa 6, Joon Maakeen ganna 81 tti boqotan.
Pireezidaantota duraaniifi warreen ganda siyaasaa keessa jiran mara irraa ergaan gaddaa senaatara Riippabilikaanii waggaa 81 kanaaf darbaafii jira.
Bara filannoo 2008 isaaniin mo'achuun 'Waayit Haawus' kan galan Baaraak Obaamaan ''waan guddaaf amanamuu irratti'' akka waliin qooddatan qabaachuu dubbataniiru.
Joorji Dabliiw Buush immoo ''goota guddaa'' jechuun isaan ibsaniiru.
Donaald Tiraamp Joon Maakeeniin hedduu qeeqamaa turan, ''gadda itti dhagaahame maatii isaaniif yoo ibsaniyyuu waa'ee jireenya isaanii waa hin dubbanne.
Haati warraa Tiraamp Meelaaniyaan garuu ''tajaajila biyyattiif kannaniif haa galatooman" jedhaniiru.
Akka miidiyaaleen US gabaasanitti Tiraamp sirna awwaalcha irratti hin affeeramani, bulchiinsa ammaa keessaa pireezidaantii ittaanaan Maayik Peens argamuu danda'u jedhameera.
Pireezidaantonni duraanii Obaamaafi Joorji Dablii Buush sirna awwaalchaa irratti ergaa kabajaa ni dabarsu jedhame eegama.
Maakeen dhukkuba kaansarii sammuu akka qaban kan barame bara darbe yoo tahu, yaalii godhamaafii turus Jimaata darbe yaaliin addaan akka citu gaafachuu isaanii maatiin isaani beeksisaniiru.
Arizoonaatti iddoo maatiin isaanii jiranitti boqochuun isaanii himameera.
Sirni awwaalcha isaanii bataskaana Kaatedaraala Waashingitanitti yoo taasifamu, Annaapoolis Meeriilaanditti aawwaalamu.
Joohon Maakeen eenyu?
Warra humna qilleensaa keessa hojjetani irraa kan dhalatan Joon Maakeen paayilatii xiyyaara waraanaa Veetinaam turan.
Erga xiyyaara isaanii irratti dhukaafameen booda hidhamaa waraanaa tahuun waggaa shan dabarsaniiru.
Dararaa mana hidhaatti arganiinis qaama miidhamaa tahaniiru.
Gama siyaasaan dhimmoota danuu irratti mankaraarsaa yoo tahan, ulfa baasuu ni mormu, baasiin guddaa ittisa biyyaa irratti akka bahu falmu ture.
Weerara Ameerikaan bara 2003 Iraaq irratti taasifame yoo deeggaran, Obaamaa ammoo dhimma Siiriyaa gidduu galuu dhiisuu isaaniin qeeqaniiru.
Dhimmoota baayyee irratti sarara paartiin isaanii kaa'e darbuun dubbachuun kabaja argataniiru.
Maakeen dubbii rincicaa Tiraaamp waa'ee godaantotaa jedhaniifi isa miidiyaa jifatan illee qeeqaa turan.