Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doonaald Tiraamp: Ajjechaan Kaashoojii seenaa keessatti kan 'akka malee dhokfame'
Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp Saawudii Arabiyaan dhimma ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kahaashoojii akki itti dhoksite baayyee badaadha jedhan.
Eenyuyyuu haa ta'uu namni gochicha korate ''rakkoo keessa jiras'' jedhaniiru.
Barreessaan haajaa alaa Ameerikaa Maayik Paampiyoon US ''namoota itti gaafatamoo tahan ni adabdi'' namoota shakkaman 21 irraas viisaa ni haqxi jedhan.
"Donaald Tiraamp haasaa Waayit Haawusitti taasisaniin ''yaadni isaanii jalqabaa badaa ture, akka sirrii hin taanetti dalaganii, dhoksuuf waan godhan immoo seenaa keessatti mul'atee hin beeku'' jechuun Saawudii Arabiyaa qeeqan.
Saawudi Arabiyaan ajjeefamu gaazexeessichaa ilaalchisee odeeffannoo wal-dhahaa kennaa turteetti. Torbee baayyeef lubbuudhaan akka jiru erga himamaa tureen booda, namni ganna 59 kuni Tarkiittii koonsilaa Saawudi Arabiyaa erga daawwateen booda qabamee jecha isaa osoo kennuu ajjeefamuu himteetti.
Tiraamp maal jedhu
Donaald Tiraamp hanga yoonaa dhimmicha irratti qondaaltota qeequun alatti waan godhan hin qaban. Haa tahu malee barbaachisummaa Saawudirabiyaan wal-tumsa US himuu isaanii itti fufaniiru.
Haasaa Wall Street Journaliif taasisaniin immoo ajjeechaa gaazexessichaa irratti harki qondaaltota biyyattii jiraachuu akka danda'u yoo amananiyyuu, ilmi mootii Salmaan waa'ee yakkichaa dursanii beekuu isaanii quba akka hin qabne himaniiru.
Tiraamp waa'ee ajjeechichaa ilma mootii Salmaan gaafadheera yeroo duutisaa karoorfamu hin beeku naan jedheeraa jedhan.
Gaaffii Saawudiin ajjeechaa Kahaashoojii keessaa harka qabaachuu haaluu isaanii akka amanan gaaffii gaafatameef, eeyyee nan amana jedhaniiru.
Qondaaltonni CIA Tarkii fi Saawudii Arabiyaa irraa waa'ee dhimmichaa odeeffannoo qabatanii akka dhufaa jiran dubbataniirru.
Ameerikaan maal gochuu yaadde?
Barreessaan haajaa alaa Maayik Paampiyoo isaaniifi pireezidaant Tiraamp gochaa raawwatameen gammadoo akka hin taane dubbataniiru.
Viisaa haquu dabalatee warreen ajjeechichaan shakkaman irratti qoqqobbii kaa'uu akka danda'an dubbataniiru.
Barreessaan haajaa alaa Ameerikaa shakkamtoonnii viisaan jalaa haqamuu sababiii seera icciitii Viisaatiin ifa hin bahu jedhan.