Majliisa imaanaan itti kennamerratti namoonni maal jedhu?

Hawaasni Musliimaa Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa geggeesseen caasaalee mana maree maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa 'Majiliisa' jedhamuun waamamurratti jijjiirama hooggansaa fi hojimaataa geggeesseera.

Majiliisa komatamaa ture keessatti jijjiirama fiduun akkasaan gammachiise hawaasni Muslimaa miira isaanii ibsachaa turan.

Manzuumaa gorsa amantaa Islaamaa of keessaa qabu hedduu Afaan Oromootiin hojjechuudhaan kan beekaman Uztaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, murtee darberratti waan itti dhagayame akkanaan ibsu.

Ammaan dura tokkummaa haa hafuuti hiree walitti dhufuuyyuu hin arganne. Galata Rabbii majilisichi beekaadhaan akka durfamu waliigalle, jijjiirama seenaa qabeessa.

Kana booda of dandeenyee akka amantii tokkootti labsa mootummaa keessatti jiraachuu dha inni duraa.

Inni lammafaa bakka bu'aa majiliisa Islaamaa ijaaruu dha. Namooti akka amantii islaamaa urjii jedhamantu filatame.

Kanaan booda manneen barnootaa isaantu dhaaba, dhimmi Islaamaa isaantu lallaba,addunyaa irratti akka beekamanu isaantu mirkaneessaa adeema .

Majiliisa jijjiiruurraa murteen jalqabe sirriidhumaa jedhu.

Akka tarkaanfii jalqabaatti waanta gaarii dha. Majiliisni duraanii dhiibbaa mootummatiin kan uumame.

Mootummaan guutummaan guutuutti nama barbaadu fidee to'atu majiliisa Musliimaa bakka bu'a jechuun hin danda'amu.

Dr Awal Aloo caasaa majiliisaa jijjiiruun qofati gahaa miti jedhu

Mootummaan amantii keessaa haraka baafatee dhaabotni amantii hawasa isaanii bakka bu'anii tajaajiluun isa guddaa dha.

Mootummaan harka keessaa yoo baaseyyuu jaarmiyyoonni kunneen gurmaa'anii ummata biyya sanii walumaagalatti bakka bu'anii hin tajaajilanii jechuun illee rakkisaa ta'a. Jaarmiyaan Finfinnee keessatti dhaabbte tokko akkamiin uummta biyyatti keessa jiru bakka bu'uu dand'a waan jedhamu irratti mri'atamuu qaba.

Muniiraa Abdul Mannaan Miidiyaa Anaaduuluu biyya Tarkiif hojjetti. Wal-tajjii hawaasa Musliimaa irratti argamteetti.

Miidiyaa hawaasummaa irrattis daba Majiliisaan wal-qabatee komii hawaasa Musliimaa Midiyaa hawaasummaa irratti barreessuun beekamti.

Murtee darbe kanaan waan itti dhagahame dubbatti.

Kanaan booda hojiin guddaa eegamu majiliisa malaamaltummaan faalame ture qulqulleessuu dha. Majiliisi galii baayyee argachaa ture. Hajiirraa, suuqiiwwan Masjiidotarraa galiin hedduun ni argama.

Garuu hanga ammaa bu'aaraaleen misoomaa masjiidotaaf guutaman maallaqa kadhaadhaan dhufuudhaani.

Gatiin Hajiis baayyee waan dabaleef namoonni deemurraa of qusachaa jiru. Kuni hunduu hoji-maata badaa Majiliisa kanarraa kan ka'e ture.

Dura buutonni majiliisaa itti waamamani isaanii hawaasa Musliimaaf ta'uu qaba malee mootummaaf ta'uu hin qabu.

Faayidaa dhuunfaafi fedhii siyaasaa guutuuf jecha hawaasa Musliimaa gidduutti wal-dhibdeen uumamauu hin qabu.

Walumaa galatti Caasefamni haaraan amma majiliisa keessatti gaggeefame waan jijjirama fidu natti fakkaata.