Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walabummaa Miidiyaa: Qabsoo haqaa harmee koo ajjeefamteef
- Barreessaa, Maatiiw Karuwaanaa Galiziyaa
- Gahee, Guyyaa Walabummaa Miidiyaa Addunyaa
Baatii muraasa keessatti al tokko nama ajjechaa harmee kootii qorataa jiru waliin taa'ee haasa'uun qaba. Maatiin keenya yeroo duraaf nama kan agarre baatilee jaha dura ishee hidhuuf wayita inni gara mana keenyaa dhufe ture.
Harmeen koo odeessa nama kaadhimamaa ministeera muummee ta'e qeequ guyyaa filannoo maxxansite. Achi booda deeggartoota isaa keessaa tokko himata irratti bane.
Poolisiin kunis ajaja mana murtii qabatee halkan gaaf tokko harmee koo to'annaa jala oolchuuf gara mana keenyaa dhufe. Yakki ishee yaada ishee ibsachuu qofa ture.
Ani yeroos biyya biraan hojjedha ture, namoonni wayita isheen gadi dhiifamtu viidiyoo waraabanii naaf ergu turan.
Gadi dhiifamtee sa'aatii muraasa keessatti hojii isheetti deebite. Haala itti qabamteefi namoota MM haaraa qeequun marsariitii isheerratti barreessite.
Amma, namichuma gaafas ishee qabeetu nama ajjeechaa ishee qoratu ta'ee hojjetaa jira.
Gaaf ajjeefame harmeen koo akkaawontii baankii ishee mootummaan jalaa ugguree ture bansiifachuuf gara baankii deemtee turte.
Dubartii ganna 53 wayita taatu gaazexeessituu taatee waggoota 30 hojjetteetti.
Boombiin TNT kiiloo walakkaa ta'u konkolaataa ishee jalatti hidhame dhohee lubbuu ishee galaafate.
Deeggartoonni mootummaa ajjeefamuusheetti gammachu qaban ifatti ture kan mul'isan.
Namoonni gariin akkan ani ajjeechaa ishee raawadheetti gariin ammoo akka isheenumti ofiin of ajjeesteetti dubbatan. Kuni arrabsoodha.
Ajjeechaa Daafnee Karuwaanaa Galiziyaa
- Onkololeessa 2017: Gaazexeessituun qorannoo Daafnee Karuwaanaa Galiziyaa boombii konkolaataatti hidhameen ajjefamte
- Ministirri Muummee Jooseef Muskaat ajjeecha kana "sukkanneessaa" jechuun ibsan.
- Muddee 2017: Namoonni sadi to'annoo jala oolan, abbaan alangaa namoota qacaramanii ajjeesaniin ajjeefamuu hin oolle jedhe.
- Adoolessa 2018: Gareen qorannoo mootummaa Maaltaan ijaarame MM fi haati warra isaanii qeeqa malaammaltumma Daafneen irratti dhiyeessite irraa bilisa ta'uu isaanii mirkaneesse.
- Hagayyaa 2018: Maatiin Daafnee mootummaan ajjeechaa ishee ittisuu danda'a ture jechuun qorannoon guutuun akka taasifamu gaafatan.
Ajjechaan kun maaf barbaachise?
Fedhiin hawaasa bilisaafi banaa ta'e, kan seerri nama hunda ija qixaan ilaalu, kan mirgi namoomaa keessatti kabajame qabaachuu bakka hunda jira. Garuu bakka baay'eetti hawwii qofa.
Erga haati keenya ajjeefamtee wanti ani, abbaan koofi obboleessi koo gochaa jirru, haqa ishee barbaaduu, wanti akkanaa lammata akka hin uumamne gochuudha.
Mootummaan dirqama isaa bahatee walabummaan miidiyaa akka jiraatuufi namni akka fedhetti yaada akka ibsatuu, haqni akka jiraatu dhiibbaa uumaa jirra.
Warra dhibee 'farra-bilisummaa' irratti qabsaa'aa jiranitti makamnee addunyaa mirga namoomaa kabajju uumuuf yaalaa jirra.
"Birmadummaan kan jalqabu birmadummaa yaadaa irratti'' jedhee dubbatee ture du'a isaa guyyaa shan dursuun barreessaan Yaman Rashid.
''Birmadummaa sammuu bu'uuraa malee birmadummaaa isa kaaniin maal hojjechuu dandeessa?'' Kanaafuu itti gaafatamummaa guddaan gateettii keenya irra jira. Haa tahu malee qofaa keenya bahachuu hin dandeenyu jedha.
Guyyaa Walabummaa Pirees
- Guyyaan Walabummaa Miidiyaa Adunyaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniin bara 1993 Caamsa 3 irra wagga waggaan akka kabajamuuf murtaa'e.
- Ergaan ykn mata dureen bara kanaa Joornaalizimii fi filannoo yeroo odeeffannoo sobaa ykn dogogoraa jedha.
- Kaayyoon isaa walabummaa miidiyaa ayyaaneffachuu, falmuuf fi haala inni irra jiru qorachuu fi gaazexeessitoota osoo hojii irra jiranii du'anis yaadachuudha.
- Akka gabaasa Federeeshinii Gaazexeessitoota Idila adunyaatti Bara darbe gaazexeessitootni 95 dhohinsa boombii, balaa abiddaa qaxxaamuruu fi ajjeechaa itti yaadameen lubbuu dhabamaniiru.
Ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashoojii yaadadhaa. Namni hedduun akka isa jaalatu nan beeka. Garuu namni akka malee isa jibbu tokko waan jiruuf ajjeefame.
Ajjeechaa haadhakoofis tahe namoota akkasiif mootummaan namoota itti gaafatamuu qaban irratti himata yeroo bahu hin mul'atu.
Ani osoo haati koo biyya isheef aarsaa akkasii hin kaffalle tahee nan jaaladha ture. Silaa yoona lubbuun jiraachuu daneessi.
Haa tahu malee namoota akka Kadijjaa Ismalovaa gaazexeessituu Azeeriikan hidhamuun ishee falmitoota mirga namoomaan ''rifaasaa'' jedhamee balaalleffatame sana ''namoota jaallannuuf waan isaan tahuu barbaadan gochuudha. Daafiin nama akkasii turte; falmattuu fi goota.''
Haatikoo waan isheen hin beekne duuti ishee guutummaa Maaltaa fi addunyaa irratti gootota dammaqsuu isaati.
Waa'ee odeeffannichaa
Maatiiw Karuwaanaa Galiziyaa gaazexessaa qorannoo [investigative] fi ilma Daafnii Karuwaanaa Galiziyaa kan bara 2017 dhohinsa boombii konkolaataan ajjeefamteeti.