Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Keeniyaa Badhaasa BBC Komlaa Dumor bara 2018 irra-aane
Gaazexessaan lammii Keeniyaa badhaasa Komlaa Dumor kan 'BBC World News' qophaa'ee kan bara kanaa irra-aane.
Gaazexessaa Waayihigaa Muwaawuraa televijinii 'Citizen' irratti oduu dhiheessa.
Badhaasa kanaanis ji'a sadiif gara magaalaa Landan imaluun turtii kan taasisu yoo ta'u, achii deebi'eemmoo Afrikaadhaaf gabaasa.
Badhaasi kuni gaazexessaa BBC Komlaa Dumor bara 2014tti tasa umurii waggaa 41'tti lubbuunsaa darbee yaadachuuf kan qophaa'edha.
Gaazexessaan kuni Keeniyaa keessatti beekamaadha.
Isa dura gaazexeessaan tokko biyyaa Yugaandaarraa, lama immoo biyya Naayijeriyaa irraa badhaasa kanaan filatamaniiru.
''Isa Komlaan hojjete keessaa dhibbantaa 10 ykn 20 osoon hojjedhee, gaazexessummaaf gumaacha koo akkan godheettiin fudhadha,'' jedheera.
Gareen isa qorate akka ibsetti ga'umsa oduu himuu fi gaazexessummaa qorannoo irratti hundaa'e irratti fulleeffachuun isaa kaan caalaa akka dursi kennamuf taasiseera.
Isinoo? BBC'f hojjechuu feetuu? Asin yaaluu dandeessu.