Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Halleellaa Sirii Laankaa: Haleellaa ayyaaana Faasikaa booda fuula dhoksuun dhorkame
Sirii Laankaan bakka namoonni itti baay'ataniitti fuula dhoksuu dhorkite, kunis eega halleella guyyaa Dilbataa kan namoota 250 ajjeessefi namoota dhibbaatamatti lakka'amaan madeesse booda.
Pireezidaant Maithruipala Sisirsena akka jedhanitti seera muddamaa fayyadamuuni dhorkaa kana Wiixataarraa kaasee kan hojjiirra oolchan.
Uffannaan kamu kan "eenyummaa namaa dhoksu" nageenya biyyaattiif jecha akka dhorkamu, waajjirri isaani ibsee jira.
Niiqaabnifi Jilbaabni- kan dubartoota Musliimaan uffaatamu- maqaan isaani hin dhahamne,
Ta'uus garuu ejjannoon kun uffannaa kanneeniif akka ta'e amanama.
Sirii Laankaan eega halleellla mana amantaa Kiriistaanafi hoteelootarratti raawwatame booda guyyoota saddeetiif of eeggannoo cimaa jala jirti.
Shakkamtoonni hedduu qabamaniiru, garuu aanga'oonni akka waraanni eegdoo isaa itti fufu akeekkachiisaniiru.
Namoota meeqatu miidhame?
Sirii Laankaan biyya hawaasni Musliimaa jaarraa hedduuf keessa jiraataniidha- Miliyoona 21 keessaa, %10 gad Musliima.
Dubartoota muraasa qofatu niqaaba yookiin jilbaaba kan uffaatan- kunis uffannaa fuulaafi qaama guutu dhoksuudha.
Torbee darbe miseensi Paarlaama dubartoonni nageenyaaf jecha akka jilbaaba hin uffanne paarlaamadhaaf yaada dhiheessanii turan.
Torbee darberra jalqabe looltoonni Sirii Laankaa daandiiwwan, mana amantii Kiriistaana fi Maasjiidota eegaa jiru.
Guyyaa Dilbataa guutummaa biyyaattiti Waldaan kiriistaanaa tajaajila isaa hin kennine, hordoftoonni amantii kiriistaanaa garuu mooraa waldaa 'St Anthony Shrine' alatti kan haleellaa kanaan heddu miidhametti sirna kadhannaa isaani gageessanii jiru.
Baay'iinni shakkamtoota haleellaa kana waliin dhiheenya qaban jedhamani qabaman 150 gahee jira.
Hoggantoonni biyyaatti hordooftoota garee jihaadaa Islaamaa 140 ta'an barbaada jiru kan haleellaa kanarratti harka qabu jedhaman, ta'us garuu guutummaa isaa ifa hin goone.