Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pete Buttigieg: Kantiibaan Ameerikaa maatii daqiiqaa muraasaan booda mucaa argachuuf jiran wal fuusiise
Kantiibaa Ameerikaa fi kaadhimamaan pirezidaantummaa haatii mucaashee wallansa baqaqsaniin yaalamuutiif gara hospitaalaatti qajeeluun mucaashee osoo hin dahiin daqiiqaa muraasaan dura walitti heerumsiise.
Pete Buttigieg, Kantiibaan South Bend Indiyaanaa akka jedheetti, cimdiiwwan Meerii fi Gaabeen, wayituma inni waajjira isaa qaqabu sa'aatii 2:15 irratti qabuun osoo mucaan isaanii hindhalatiin dura akka walitti herumsiisu gaafatan.
Hojjattoonni akka dhuga baatootaatti kan hojjatan yoo ta'u, qubbeellaan waan hin qophoofneefu sabbata akka qubeelaatti fudhachuun wali fuudhan.
Isaan boodas Meeriin beelama ishee sa'aatii 3 qaqabuun mucaa ishee intalaa deesse.
Jaade Kaatirinis jiraattuu haaraa South Bends taate'' jechuu Kantiibaa Buttigieg fuula feesbuukii isaa irratti barreesse.
''Wayita yeroon kantiibummaa kiyyaa xumuramutti taateewwan akkasii kanan dhaba,'' jechuun suuraa mucattii maxxanse.
"Maatiin haaraa walfuutanii fi maatii haasaan baga gammaddan. Akkasumas Jade baga nagaan gara addunyaa bareeddu kanatti dhufte!
Amajjii keessa kantiibaa Buttigieg namni umuriin waggaa 37, filannoo pirezidantummaa Ameerikaa kan bara 2020f Paartii Dimikiraatii ta'uun dorgommii baayyee namni itti baayyatiif dorgomuuf.
Dorgommicha kan mo'atu yoo ta'e, Mr Buttigieg filannoo paartii siyaasaa guddaa ifatti yeroo jalaqabaatiif dhiiraa fi dhiira fuudhuutti amananii ta'a.