Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaakiindaa Ardern dubartii osoo aangoorra jiruu mucaa godhatte lammaffaa taatee
Ministirri mummee biyya Niiwzilaand kan taatee Aadde Jaakindaa Ardern osoo angoorra jirtuu inatala ishee jalqabaa dahuun addunyaarratti dubartii lammaaffa taate jirti.
Haalli kunis seenaa siyaasa ammaayaa keessatti dubartii osoo aangoo olaanaa akkasiirra jirtu mucaa godhate kan lammaffaa taasiseera jidha maddi.
Aadde Ardern har'a ganama magaalaa ooklaanditti guyyaa Kamisaa guyyaa dahumsa isheetiin guyyoota afuriin dura hospitaala galte ture.
Dubartiin umurii 37 tun boqonnaa dahumsaashee torban jahaatiif kan baate aangoo ishee Itti aana Ministira Mummee kan ta'an Wiinistan Piitars akka hojjetu bakka busuun.
Haa ta'u malee yeroo boqonaarra jirtus, dhimmoota murteessoo irratti akka mariisifamuu fi hojiilee kaabinootashee akka dubbisuu itti fuftu himteetti.
Isheenis nagaan kan hiikamte yoo ta'u, booda keessa ofiidhuma karaa miidiyaalee hawaasaa carraa qabeettii ta'uushee ibsuun, hojjetoota waajjirashee galateeffateetti.
Ibsa ergaa barreesiteen irrattis, ''dhugumatti wayita ammaa kanatti miira maatii haaraa akka keenyaa keessa dabran keessa jirra. Garuu haaluma walfakkaatuun hawwii fi waan gaarii naaf raawwattan keessan hundaafu baayyeen gamade. Galatoomaa'' jettee jirti.
Warreen siyaasaa waliin hojjatu irraa eergaan baga gammadee yaa'uu kan eegale Ministira mummee biyyattii duraanii irraa dabalate naannoo guttuu irraayi.
Aadde Ardeern ji'a onkoloolessaa keesa filatamuun taayitaa kan qabatte yoo tahu, ji'a Amajjii keessa miiltoo jaalalashee Kilaarki Gaayfoordi waliin mucaa godhachuuf akka jiran ibsanii ture.
''Ani dubartii hojii baay'ee keessa darbite kan jalqabaa miti. Ani dubartii osoo hojjettuu mucaa godhate kan jalqabaas miti. Dubartootni seenaa akkasii keessa darban baay'een jiru,'' jechuun jalqaba waggaa kanaa irratti gaaffii fi deebii raadiyoo Niwuzelaand waliin taasifte irratti dubbatee ture.
Isheenis erga bara 1956 as y muummee ministiraa umuriin xiqqaa biyyittii bulchitaa jirtuu dha.