Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qurxummiin Chaayinaarraa seenu kiiyyessitoota Keeniyaa 'abdii kutachiisaa jira'
Kiiyyessitootni Keeniyaa naannoo hara Viktooriyaa jiran qurxummiiwwan rakasaan gabaa Chaayinaarraa seenan waliin dorgomuuf rakkachaa jiru.
Keeniyaa magaalaa Kisumuu keessatti daldalli qurxummii ho'aa dha. Haaroon Afrikaa guddichi, Viktooriyaanis dhiyeenyuma kanatti argama. kiiyyessitootni Qurxummii naannichaa garuu gabaa ho'aa jirurraa bu'aa buufachaa hin jiran.
Hangi qurxummii haroo kana keessatti argamu yeroo gara yerootti xiqqaachuufi gatiin qurxummii akka qaala'u sabab ta'uus qurxummiileen rakasaan Chaayinaatii galan qaawwa kana duuchaniiru
''Namni qurxummii Chaayinaa bituu hin fedhu, adeemsa omishaa isaarraa amantaa hedduu hin qabu, haata'u malee filannoo biraan hin jiru jedha'' Meechaak.
Kanneen Chaayinaarraa galanii gabaa kana gahaniis yeroon sirriin itti fayyadamuuf kenname xumuramuuf guyyootatu hafaaf.
''Namoonni qurxummi biyya keessaa barbaada, nutimmoo hedduu irraa buufachuu hin dandeenyu'' jedhan daldalaa ganna 29.
Qurxummii Chaayinaatii galan kana gurguruun jireenya isaa akka gaggeessus dubbata.
Hangi qurxummii hara Viktooriyaa akkaa ol kiyyessuuf fi faalamaan gadi xiqqaate. Yeroo waggoota digdamman darban kana keessatti ammoo lakkoofsi uummata Keeniyaa dachaan dabaleera.
Yeroo ammaa kiyyesitootni kun waggaatti tilmaamaan qurxummii toonii 140,000 kan dhiyeessan yoo ta'u kan gabaa barbaadu ammoo 500,000 ta'a.
Kaampaniiwwan Chaayinaafii michoonni isaanii carraa kanatti fayyadamuun waggaatti qurxummii doolaara miiliyoona 17 ta'uun keeniyaatti daldalaa jiru. Waggoota sadan darban kun dachaan dabalee argameera.
Qurxummiin Chaayinaa kg 1 $1.70 yoo gurguramu kan kiiyyessitootni qaban garuu kg 1 $5 gurgurama.
Kiiyyessaa qurxummii Keeniyaa Freedriik Otiyeenoof haalichi abdii kutachiisaadha.
''Halkan hedduu boba'aaf maallaqa hedduu itti baafnee dhama'aa bulle, qurxummii chaayinaatii rakasaan dhufan gabaa guutan waliin dorgomna'' jedha.
Abbaa ijoollee sadiifi waggoota 10 hojii kanarra kan ture namni kun dur guyyaatti shillingii 3,000 akka argatufi amma waan 400 hin caallee argachaa akka jiru hima.