Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa Xayyaaraa ET302: Tulluu Farraa, maqaa kana eessaa argate?
Lafti xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa torbee darbe itti kufe caccabe Aanaa Gimbichuu naannoo Tulluu Farraa jedhamuun beekama.
Moggaasni maqaa naannichaa maalirraa argamee jechuunis BBC'n maanguddoota naannichaarraa seenaasaa odeeffateera.
Obbo Baatirii Lammaas maanguddoo naannuma sana jiraatan keessaa tokkodha.
''Tulluun Farraa kan moggaafame haala qilleensaa naannichaa irraayi," jedhu.
Qilleensi gaara kanaa lafa olka'aarra waan ta'eef garri itti bubbisu hin beekamu, qorri isaas baayyee hamaadha. Kanaaf namni gaaricharra jiraachuu wayita daddhabu 'maali kuni Tulluun Farraa, kan akka cabbii qorru' jennaan maqaan Tulluu kanaa 'Tulluu Farraa' jedhanii moggaasani jedhu Obbo Baatiriin.
Akka Obbo Baatirii irraa hubanneetti, maqaan naannoo sanaa hundi haala qilleensa naannichaarraa kan moggafamedha.
Bakki xiyyaarri itti kufe 'Hamaa" jedhama. Gaarri naannicha jirummoo "Tulluu Farraa" jedhama.
Lafti bakka xiyyaarri itti kufetti aanee jiru ammoo "naannoo dhukkubi' jedhama.
Akkuma moggaasa maqaa tulluu kanaatiinis, balaan xiyyaaraa qaqabee waan farraa biyyattii bira darbuun addunyaa hunda gaddisiise ture.
Moggaasa maqaa Tulluu kanaas kanneen seenaa gara biraa waliin waliitti hidhanis hindhabamne. Fakkeenyaaf, Obbo Dachaasaa Guutamaa maanguddoo fi jiraataa aanaa Gimbichuu ganda Hamaa Qunxushullee ammoo moggaasa maqaa Tulluu Farraa waan biraa ta'u himu.
Isaanis moggaasni maqaa gaarreen naannoo balaan xiyyaaraa itti qaqabbee kun magaa mootota naannicha bulchaa turaniitiin mogga'e jedhu.
Isaanis gaarreeniifi tulluun naannichaa kan mogga'an bara Atsee Zarayaaqoobiitti akka ta'e himu. Kanas yoo dubbatan, ''bulchaan biyyaa naannoo dhihootti argamu nama Bokkaa jedhamu kan ture yoo ta'u, innis gaara irra jiraatu maqaa isaatiin moggaafate 'Gaara Bokkaa' jedhee ture. Amma har'aatis isuumaan beekama"
Fuullee gamaa bakka balaan xiyyaaraa gaheerraa fageenya kiiloomeetira sadii tahurratti kan argamu ammoo 'Tulluu Farraa' jedhamutu mul'ata.
"Namni naannoo kana bulchaa ture kan biraan ammoo Tulluu Farraa irra jiraachaa ture. Biyya kanas kan eegaa turan bulchitoota kanneen turan," jechuun himu Maanguddoo Dachaasaan.
Moggaasni maqaa naannichaa bara weerara Mohaammad Giraanyiin akka walqabatus ni kaasu maanguddoon kun.
"Akka manguddootarraa odeefannetti, Mohaammad Giraanyi waraanasaa qabatee naannoo kana waan weerareef, jalqaba Bokkaaf ergaa erge.
Ergaan isaas 'gara jabeenyi kiyya akka haadha tiyyaa, qolannaan kiyya akka abbaa kiyyaa, sii dhufeera na eeggadhu' jedhee Bokkaatti erge."
Bokkaanis dhaamsa Mohaammad Giraanyi kuni isa geenyaan hirri'yaa isaa biyya waliin Bulchan Tulluudhaaf ergaa dabarsee lola dhufaa jiruuf akka waliin qophaahan gaafate, jedhu Obbo Dachaasaan.
Ergamaan kunis ergaa Tulluu biraan gahee wayita dubbeebii gaafatame 'Tulluun loolli kun akka isa yaaddesseefi sodaate' hime.
Bokkaanis kana dhageenyaan afaan Amaaraatiin 'Ayii Tulluun sodaate ykn farraa?' jennaan maqaan tulluu kanaas kanumaan 'Tulluu Farraa' jedhamee akka moggaafame himu.
Dhugaan manguddoonni kunneen lamaan irratti walii galan garuu, namni maqaansaa Tulluu jedhamu naannicha bulchaa turuu fi gaara kanarras jiraachaa akka tureedha.
Obbo Baatiriin garuu beekaa maqaa balleessanii seenaa jallisuuf waan hintaane himan malee, akkaataa moggaasa maqaa Tulluu Farraa himamu kan odeeffannoo qabaatanis moggaafamni isaa kanaan adda ta'e akka beekan nutti himan.
Akka isaan jedhanitti, Tulluunis nama waraana sodaatu hin turre.