Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti manneen jireenyaa waliinii qonnaan bultootaaf kennamuuf
Si'oomina guddaan kan eegamaa ture dhimmi manneen jireenyaa waliinii magaalaa Finfinnee carraan ifa taheera.
Sirna carraa baasuu manneen waliin jireenyaa kanarratti haasa'a kan taasisan Kantiibaa itti aanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Umaa, ''Misoomni fayyadamummaa waloo irratti hundaa'uu baannaan, inni tokko fayyadamaa, inni kaan ammoo miidhamaa taha,'' jedhaniiru.
''Keessattuu qonnaan bultootaa fi ijoollee qonnaan bultootaa oyiruu isaanii hojiilee kanneenif gadhiisaniifi rakkoolee hawaas-diinagdeef saaxilamtan dhukkubni keessan nutti dhaga'ameera.
Kanumaafis jijjiirama amma dhufe kanaaf warreen aarsaa kanfaltan hunda isin kiisuuf qophii ta'uu koo isinifan mirkaneessa.
Kanaafis qonnaan bultootaa fi ijoollee qonnaan bultootaaf carraa malee akka kennamuuf murteessineera,'' jedhaniiru.
Kana malees haala addaan Qaama miidhamtoonni %5, hojjettoonni mootummaa %20 fi dubartoonni %30 fayyadamoo ta'u jedhameera.
"Waraanaafi misooma"
Jaarraa tokkoon dura Atse Miniliik dabalatee mootiwwan Shawaa isaan dura turan, uummata Oromoo Magaala Finfinnee fi naannooshee jiraachaa turan weeraruun qabeenya mancaasaa lafa isaanis saamaa akka turan barreefamootni seenaa ni mul'isu.
Miidhaan weerara kanaas uummata Oromoo lafa irratti jiraachaa ture irraa buqqisuu qofa osoo hin taanee, badiinsa maqaawwan fi gosoota Oromoo magaala Finfinnee keessa turaniif sababa akka ta'e himama.
Gama biraatiin quuqqamtootni mirga namoomaa buqqa'uu uummata Oromoo magaala Finfinnee keessaa morman, weerarri jaarraa tokkoon dura ture amma bifa isaa jijjiiratee maqaa misoomaan raawwatamaa akka jiru yeroo dubbatan dhagahama.
Akka ragaan ejansii misooma fi haaromsa magaalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa bara dabre (2018tti) arganne agarsiisutti, magaalaan Finfinnee lafa hektaara 700 misoomsuuf karoorfattee turte.
Gama kaaniin qonnaan bultootaaf baayyinni manneen jireenyaa fi harki kennamu hanga yoonaatti ifa hintaane.
Kanamalees, iddoon manneen jireenyaa kunniin iddoon itti kennamu kun eessa tahuu amma yoonaa hin baramne.
Dhimma kanarratti guyyoota darban irratti mariin bal'aan tasifamaa tureera.
Namoonni hedduunis manneen kunniin daangaa Finfinneen alatti Oromiyaa keessatti kan ijaaramanidha, kanaafis seeraan ala jechaa jiru.
Dhimma kana ilaalchisuun mootummaan Naannoo Oromiyaa as bahee wanti dubbate hinjiru.
Baroota dabran keessa komii fi mormii Finfinneen bal'achaa jirti jedhu ka'een lubbuun namootaas darbaa tureera.
Yeroo ammaatti bal'inni lafa magaala Finfinnee hektaara 52,000 akka ta'e himama.