Teknooloojii: Fuula Google 7’n beekuu qabnu

Guyyaatti intarneeta gubbaa yeroo hagam tahu dabrsitu? Marsariitiirra fuula Google yeroo meeqa daawwattu?

Yeroo hundallee kan itti gargaaramnu yoo ta'eelle saanduqni ittin waa barbaadnu iccitii hin beekamnes qaba.

Isaan keessa qabxiilee muraasa tarii hin beektan jennu kana isanii dhiyeessine.

1. Tapha Carraa

Lotorii taphachuu ykn murtoo akka tasaa murtessuun si gammachiisa? Kanaaf Googil deebii qaba. Keessattuu carraa lakkoofsaan baasuuf 'random number generator' jedhaa barreessaati lakkoofsa kamirratti dhaabu akka babaaddan ilaala. ''Generate" irratti yoo cuqaastan amma fedha keessani lakkoofsa akka carraa isiniif baasa.

Akkaata qalbii keessan fudhate baduun bashannansiisa gochuu yoo feetanimmoo "spinner" jechuun barressaati ,karaa mirgaatiin 'Number'kan jedhu filadha.sana booda amma lakkofsota 20 iddoo ol keessan isinif fida.

Itti aansuun "Face or cross" jedhaa barressati googil carraalee jiran agarsiisuuf saantimota wayita darbatu argitu.

2. Herreega cimaa furuuf

Sanduuqa waa ittiin barbaadan irratti "calculator" herrega argattu.

haa ta'u malee herrega walxaxaa yoo ta'e foormulaa sirrii barreessaa.bu'aasaa fiduun kan Googil ta'aa jedhuudha.

Fakkeenyaaf formulaa kanaa gadii otoo barreessinee dafee giraafii kaasee wayita kaa'u arguu dandeenya.

cos (12x) + sin (8x)

3. Safartuuwwanii fi sharafa maallaqaa geeddaruuf

"Conversion of measures"jechuun erga barreessitanii dheerina jijjiruu feetan, qabiyyee fi waantota gargaraa waliin madaalchisuuf safartuu argattu.

"Currency converter"jettanii barreessinaan sharafa maallaqa biyyoota gargaraa salphaatti argattu.

4. Rukuttaa Muuziqaa gidduu mallatoo galchuu

"Metronome'' jechuun barreessati mallattolee dhufan ilaalaa daqiiqaa keessatti rukuttaa dabaluu fi hir'isuu akka danda'a baradha.

5. Sirba isinitti tolu argachuu yoo barbaaddan

Mataduree sirba barbaaddanii fi Weellisaa barreessaa. Sanduuqa kan barbaaddan keessaa "Other versions of this song"filannoo jedhu argattu.

Asirratti wayita feetan weellistoota youtube irraa isiniif tarreessaa.sirba dhaggeeffachuu feetan haala Kanaan argattu.weellistootas akkasuma

Fakkenyaaf akkas jedhaati barreessaa"John Lennon Imagine"

6. Boqochuu

Dhiphina moo jeeqamutu sitti dhaga'amaa jir? Yoos "breathing excercise"jedhaati googil irratti barreessaa. Daqiiqaawwa muraasaf akka bashannantaniif sanduuqa bifa Samii fakkaatu agattu.

7. Vidiyoodhaan bohaaruu yoo feetan

Vidiyoo sasalphaa fe'uu yoo feetan "Google Pacman" jechuun googil irratti barreessa. Filannoo biraa yoo feetanimmoo "Atari Breakout" jedhaa barbaada.

Dabalataan "Snake" jettanii yoo barreessitan tapha "Snake" bashannanuu dandeessuu.