Waa'ee lakkoofsa ummataa fi manneeniirratti qabxiiwwan muraasa

Itoophiyaa lakkoofsa ummataa fi manneenii kan marsaa arfaffaa ALI dhuma baatii Bitooteessaa eegaluuf qophiiratti argamti.

Heera mootummaa keessatti keewwata 103 irratti akka caqafameettis, lakkoofsi ummataa fi manneen kun waggaa 10tti altokko akka gaggeeffamu labsa.

Haa ta'u malee, erga lakkaawwiin marsaa sadaffaa ALI bara 1999tti gaggeeffameetii as, kan ammaa kunis yeroo itti gaggeeffamu qabu irraa waggaa tokkoo oliin dheereeffameera.

1. Lakkoofsi ummataa fi manneenii eenyuummaa walmakaaf beekamtii kennaa?

Tibba bu'aan lakkoofsa ummataa fi manneenii kan marsaa sadaffaa iftoomeetti, qaamoolee adda addaa irraa mormiin irratti ka'unsaa ni yaadatama.

Keessattuu lakkoofsa jiraattoota Magaalaa Finfinnee fi naannoo Amaaraa ilaalchisee qaamoolee gochi lakkoofsicha irratti dabni raawwatameera jedhan turan.

Sochiin lakkoofsa marsaa afurii kunis filannoon dura waggaa tokkoo fi yeroo naannoolee garaa garaa keessatti ummattoonni gaaffii ofiin of bulchuu kaasan baayyataa jiranitti. Namoonni lakkoofsicha raaawwatan kan filataman ammoo aanga'oota naannootiin.

Barreessaa mummeen Komishiinii Lakkoofsa Ummataa fi Daarektarri mummeen Ejansii Istaastiksii biyyaalleessaa Obbo Birraattuu Yiggazuu, lakkoofsichi kaayyoo siyaasaa qabaachu baatulleen, murteewwanii fi fedhiiwwan siyaasaatiif gumaata ta'unsaa waan hinolleefu ragaa sassaabamu fedhii ofiitiif akka mijatu taasisuun fedhiin tuttuqqaa yaaddoo tokko itti ta'uu BBC'tti himaniiru.

Kana to'achuufis hojimaanni teeknoolojiin deeggaramee haala lakkoofsaa marsaa kana irratti hojiirra olfamu fala akka ta'u dubbatu.

Namoota lakkoofsicha irratti hirmaataniifis leenjii fi ittigaafatamummaas akka qaban cimsame akka itti himamu obbo Birraatuun ni himu.

Jijjiramni kan eegamuun ala harbeeffamee yoo jiraate, ''taajjabdoota aanaa fi gandatti argaman maaliif garaagarummaan akkasii akka itti dhufeef ragaa akka dhiyeessaniif ni gaafanna. Baayyee kan adda ta'e yoo ta'e ammoo taajjabaan bilisaa akka ergamu taasifama,'' jedhaniiru.

Ragaawwan gaaffii filannootiin guutaman keessaa tokkooffaan saba to'attootaa yoo ta'u, to'attoonni eenyummaa walmakaa qaban tokko akka filataniif akka hin dirqamne obbo Birraatuun ni dubbatu.

''Gama sabaa fi amantaa ilaaluun kan gutamu isa namni deebii kennu qofaadha. Namni ragaa guutus dhimma kanarratti murtee mataasaa kennuuf aangoo hinqabu,'' jedhu.

Kanneen eenyummaa walmakaa qabanis ta'ee kanneen saba isaanii ibsuu hinbarbaanne kanuma nama lakkaa'utti yoo himan, koodiin namni guutu jira.

2. Qophiin hangam taasifameera?

Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif lakkoofsa ummataafi kan manneen dijitaalaan kan gaggeessitu yoo ta'u, bilbilli taabileetii 180,000 sochiidhuma kanaaf ni tajaajilu jedhaman waggaa tokkoon dura bitamaniiru.

Taabiletoonni kunneenis haala annisaa waliin walqabateen rakkinni akka hinmudanneef yaadamee kufattoonni aannisaa (movable power banks) 126,000 akkasumas chaarjaroonni humna aduutiin hojjatan 30,000 bitamanii qophaa'aniiru.

Lakkoofsicha meeshaalee dijitaalitiin gaggeessuun kunis ''to'annoo qulqullinaa, hordooffii, yeroo qaqqabsiisuufi rakkoolee turan hiikuuf'' filannoo gaarii ta'un amanamuun murtaa'usaa Obbo Biraattuun ni dubbatu.

Kana malees sochiin naannoolee lakkoofsaa kan qophaa'an yoo ta'u, kunis waggaa lama fudhachusaa dubbatu Obbo Birraatuun. Haaluma kanaanis gandoonni biyyattii keessatti argaman hundi naannoo lakkoofsichaa keessatti hiramaniiru.

Manneen baadiyaa walirraafafaggaatanii argamusaanitiin maatiin 100 -150 naannoo lakkoofsaa tokko keessatti kan hammataman yoo ta'u, magaalaatti ammoo lakkoofsi manneenii 150 - 200tti ni baayyatu.

Qabxiiwwan argamni naannoolee lakkoofsaas haaluma sirna taa'umsa idil-addunyaa (GPS)tiin kan fudhatame.

Tokkoon tokkoo nama lakkaa'uu naannoo lakkaa'uun ala yoo socho'e meeshaan dijitaalaa hinhojjatuuf jechuun dabalanii ibsaniiru.

Kanuumaan walqabatees, sodaan miidhaa saayibarii ni raawwatama jedhu jiraachu kan dubbatan Obbo Birraatuun, kana ilaalchisees qaamotii dhimmisaa ilaalatu waliin hijjachaa jirra jedhaniiru.

3. Bu'aansaa yoom ifa taasifama?

Tasgabbii dhabiinsi naannoolee biyyattii tokko tokko keessatti mul'atu, haala adeemsa lakkoofsichaa jeequ ni danda'a yoo ta'e gaafatamanii, yaaddoon jiraatus hojii keenya ni miidha jennee hineegnu jedhaniiru obbo Birraatuun.

Fakkeenyaafis, tibba naannooleen lakkoofsaa qopheefaman ALI bara 2009tti naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa bakkeewwan tokko tokkootti mormii fi tasgabbiin dhabiinis jiraachuusaa himanii haalli hojiisaanii irratti gufuun umammee akka hinturree akka ragaatti kaasaniiru.

Lakkoofsicha gaggeessuufis guyyoota torbaa hanga kudhanii akka itti fudhatu dubbatu obbo Birraatuun.

Erga lakkofsichi raawwatameen boodas, hojiin hiikuu ragaaleen sassaabamee itti fufa. Bu'aanis adeemsawwan seerri gaafatu keessa erga darbeen booda mana maree bakka bu'oota ummataatiin raggasiifamee booda ummataaf iftoomuuf gara baatii jahaa ni barbaachisa jedhaniiru.

4. Eenyu maal gaafatama?

Seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif gaaffileen lakkoofsa ummataa fi manneenii afaan shaniin qophaa'eera. Afaanoonni gaaffichii ittiin qophaa'ee keessaa Afaan Oromoo, Amaaraa, Somaalee, Tigree fi Affaari.

Gaaffilee ragaalee bu'uuraa mul'isan kan akka umurii, amantaa, qomoo, hojii fi kkfn allattis yeroo jalqabaatiif ragaa qaama miidhamtootaa fi sadarkaan fayyadama teknooloojii kan akka mobaayilaa fi intarneetii ni gaafatama.

Lammiileen teessuma naannoo Itoophiyaa keessatti argamanis ta'e baqattoonni kan lakkaa'aman yoo ta'u, gaaffileen addaa sirreefamtoonni seeraa, barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi kanneen daandiirra jiraatan ilaallatan jiraachuu barreessaa mummeen kun himaniiru.

Gama buqqaattoota miliyoonaan lakkaa'aman ilaalchisees, hanga danda'ameetti motummaan ''dhimma lakkoofsaa fi dhimmoota bulchiinsaatiif jecha'' baatiiwwan lamaan dhufan keessatti gara qe'eesaaniitti akka deebi'aniif yaalii akka taasisu dubbataniiru.

Kun hundi taasifamees 'malli lakkoofsa' goodaansaa jira jedhu.

Buqqaatoonni osoo bu'aa ifa hintaasifamiin gara qee'esaniitti deebii'uuf ragaan mirkanneessu yoo argame, ''ragicha hordoofuun kan sirreessinu ta'a,'' jedhaniiru.

Gaaffiin ''Waggoota shanan dhufan keessatti miseensi maatii Itoophiyaa bahuun gara biyya alaa imalee jiraa? jedhuus waan haaraa marsaa arfaffaa kana keessatti hamatameedha.

5. Lakkoofsicha kan raawwatan eenyu fa'i?

Aangoon lakkoofsicha ogganuu fi waltaasisuu kan komishinii lakkoofsa ummataati. Haaluma Heera motummaa biyyattiitti, Komishinishi miseensoota eeruu ministira mummeetiin mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiyaachuu ragaasifame qabaata.

Itti aanaan Ministira mummee olaanaa komishinichaa yoo ta'u, waajjiraaleen federaalaa dhimmichi ni ilaalata jedhaman akkasumas itti gaafatamtoonni bulchiinsa magaalaa fi naannoolees misensummaan ni hammatamu.

Karoorawwan waliigalaa gamaggamuu, kallatiiwwan kennuu, rakkoolee furmaata sadarkaa olaanaa barbaadan yoo mudatan furmaata kennuun aangoowwan komishaniichaa mummee keessaa tokko.