Pirezedaantiin Yunvarsiitii Dambidoolloo Dr. Dalasaa Bulchaa gadhiifaman

Pirezedaantiin Yunvarsiitii Dambi Doolloo Dr. Dalasaa Bulchaa tibba kana achi buuteen isaanii dhabamee ture kaleessa galgala aanaa Gidaamiitti gadhiifamaniiru.

Dr. Dalasaa dheengadda "qaama hin beekamneen" hojiidhaaf Dambidoolloorraa gara magaalaa Finfinneetti imalaa osoo jiranii godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan magaalaa Gabaa Roobiitti ture kan konkolaachisaafi konkolaataa isaanii waliin butaman.

Achuma Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Magaalaa Gabaa Roobiitti akka butamaniifi "qaamota hidhatanii naannoo sana socho'aniin" akka ta'es aanga'aan mootummaa BBCti himanii turan.

''Hanga ammaa odeeffannoon nuti qabnu qaamota hidhatani naannoo sana socho'anin butamu isaaniiti. Namni tokko osoo badiin shakkameellee dhimmatti mootummaan ukkaamsee fudhatuuf hin jiru,'' jechuun Hogganaan Itti-aanaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa kaleessa BBC'tti himaniiru.

Gama biraatiin Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Toleeraa Adabaa ''Gama keenyaan tarkaanfiin fudhatame hinjiru. Tarkaanfiin kuni kan fudhatame humnuma mootummaatiini,'' jechuun maqa balleessiif akka raawwate himanii turan.

Gadhiifamuu hayyuu kanaa fuula feesbuukiifi Tiwiitara isaanii irratti kan barreessan ODP'tti Itti-gaafatamaan Ijaarsa Siyaasaa Baadiyaa Obbo Addisuu Araggaa, nageenya lammilee kabajichiisuuf akkasumas ol'aantummaa seeraa gama hundaan mirkaneessuf mootummaan tattaaffi cimaa taasisaa jira jedhan.

Gama kanaan tarkaanfiiwwan jajjabaa fudhachuun eegalamee jira kan jedhan Obbo Addisuun ummanni kenya tarkaanfii mootumman nageenya lammileefi ol'aantummaa seeraa kabajichiisuuf fudhachaa jiru kana tumusuun biyya nagaa, ol'aantummaan seeraafi dimokraasiin dhugaa keessatti mirkaan'ee ijaarrachuuf tumsuu qaba jedhan.