Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin Arjentiinaa bara 1980n keessa butamte Boliiviyaatti gadhiisisuun danda'ameera
Dubartiin biyyaa Arjentiinaa bara 1980n keessa namoota warra seeraan ala nama daddabarsaniin butamte hojii waloo poolisoonni Arjentiinaafi Boliiviyaa waliin taasisaniin nagaa gadhiifamtee maatii isheetti deebitee makamuu dandeesseetti.
Achi buuteen dubartii kanaa hanga dhiyeenya kana poolisiin heerumsa argatee akka Kibba Boliiviyaa bakka Bermejoo jedhamtu dhaga'utti hin beekamu ture.
Dubartiin kun amma umuriin ishee waggaa 45 guuteera.
Poolisiin mana isheen keessatti ugguramte adda baafachuudhaan isheefi ilmoo dhiiraa ishee umuriin isaa ganna sagala guute bilisa baasuu danda'eera.
Maqaan haadhaafi ilama ugguramuu jalaa baafamanii kanaa hanga ammaatti ifa hin taane.
Poolisiin Arjentiinaa ibsa Mudde 25 baaseen akka jedhetti dubartiin kun dhuma irratti maatii ishee Mar del Plata'tti argamanitti makamuu dandeesseetti.
Dubartiin kuniifi ilmi ishee jalqaba ji'a kanaa ture kan gadhiisifaman.
Ibsi poolisii kun waggoota 32 dura butamuu dubartii kanaaf eenyu akka itti gaafatamu ifa hin goone.