Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tookiyootti Konkolaataan namoota kadhata ayyaanaaf deeman 8 rukute
Daandii Tookiyoo beekamaa irratti konkolaataan namoota waggaa haaraa kabajuuf lafoo adeemaaa turan sadeet rukute mudeesse.
Kutaa faashinii Harajukuti halkan walakkaa booda nama balaa kana geessiseen namoota saddeet miidhaman keessaa tokkoo haala hamaa keessa jira.
Karaan tiraafikiif cufame ture kun namoota waggaa haaraaf gara lafa kadhataa deemaaniin guutee ture.
Namni to'annoo jala oole kun "karoora ajjeesuu" akka qabu dubbii himaan poolisii AFP'tti himeera.
Namichi umurii wagga 21 kun Kazuhiro Kusakabe jedhama.
Namoota miidhaan konkolaataa irra qaqabee keessaa tokko, barataan yuuniversiitii yoo ta'u, balaa cimaan irra ga'ee mana yaalaatti wal'aansa argachaa jira jedhameera.
Daandiin Takeshita naannoo Shibuyatti argamu gabaa guddaa faashinii fi aadaa dargaggoo qabachuun beekama. Dawwaatootaa addunyaa maraa hedduus hawwachuunis beekamadha.