Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Musxafaa Omaar: 'Wal-dhabdee Mooyyalee daba siyaasaatu hammeesse'
Wal-dhabdeen tibbana magaalaa Mooyyalee keessatti Oromoo Booranaafi Somaalee gidduu ture daba siyaasaatiin kan hammaate malee haaraa kan dhalate miti jedhu pireezidantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Omaar.
"Wal-dhabdeen dur bara Hayilasillaasees bara mangistuus kan turedha. Waggoota 15 darban keessas yeroo adda addaa walitti bu'insi uumamaa ture" jedhu.
Wal-dhabdeewwan kunneen sababoota gara garaas qabu kan jedhan Obbo Musxafaan "harka caalu lafa dheedumsaafi daangaan wal-qabatee uumamaa ture" jedhu.
"Waggoota sadan darbanii as garuu itti yaadamee dabni siyaasaa itti dabalamee akka hammaatu taasifame" jedhu.
"Namoonni duraan aangoorra turan qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf jecha, 'liyyuu poolisii' sochoosanii miidhaa hedduu qaqqabsiisanii jiru naannolee daangaa Oromiyaa fi Somaalee irratti."
Miidhaan qaqqabe sun gadoofi aarii guddaa uummata keessatti uumee jira kan jedhan aanga'aan kun, namooti miidha qaqqabeen aaraniifi rakkoon guddaan nurra gaheera jedhan wal-dhabdeen sun akka itti fufu taasisani jedhu.
Kun gama lamaaniinu waan jiru ta'uu dubbatu.
Wayita ammaa raayyaan ittisa biyyaa gidduu galee haalli jiru tasgabbaa'uu isaas BBC'tti himaniiru.
Hagayya darbe erga gara aangoo pireezidantummaa naannoo Somaaleetti dhufanii as nageenyi naannicha daran fooyya'uu dubbatu Obbo Musxafaan.
"Rakkoo amma naannoo Mooyyaleetti nu mudateen alatti naannoo Somaalee keessa nagaatu jira, naannolee kaan caalaa tasgabbii qabna" jedhu.
Sabaafi sab-lammoonni biroo naannicha keessa jiraatanis nagaan jiraachaa jiru jedhu.