Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii qoqqobbii Eertiraa irraa kaa'ee ture kaase

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) qoqqobbii waggoota sagaliif Eertiraa irra kaa'ee ture sagalee guutuun kaasee jira.

Murteen kun wayita hariiroon Eertiraan biyyoota ollaa waliin qabdu fooyya'aa jirutti, keessumaa Itoophiyaa waliin nagaa buustetti kan murtaa'edha.

Qoqqobbiin kun waggoota sagaliin dura kan Eertiraa irra kaa'ame, biyyattiin hidhattoota Al-shabaab Somaaliyaa keessatti socho'an ni deeggarti jedhameeti.

Qoqqobbiin kun akka irraa ka'u wixinee yaada kan dhiyeessite UK'n, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii waan biyyattiin ittiin himatamte ragaa qabatamaan deeggaruu hin dandeenye jette.

Wixinee yaadaa UK'n dhiyeessite kana biyyoonni miseensa mana maree nageenyaa dhaabbata biyyoota gamtoomanii sagalee guutuun deeggaruun qoqqobbii kana Eertiraa irraa kaasanii jiru.

''Durumayyuu qoqqobbiin Ertiraarra kaa'ame kun haqa-qabeessa hinturre,'' kan jedhan Beeljiyemitti ambaasaaddara Ertiraa duraanii kan turan Amdabirhaan WoldaGiyoorgis.

Mootummaan Itoophiyaa uummataafi mootummaa Eertiraan baga gammaddan jedheera. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis galateeffatee jira.

Qoqqobbiin kun irraa ka'uun, biyyattiin uggura bittaafi gurgurtaa meeshaa waraanaa, qabeenyi biyyattii akka hin sochoone ittifamuu fi aanga'oonni biyyatti sochiin isaanii daangeffamuu jalaa oolti.

Gabaasaan BBC Imaanu'eel Iguunzaa akka jedhutti, Eertiraan bakka faayidaa qabeessa Yuuroop, Afriikaafi Eeshiyaa wal qunnamsiisutti argamtullee diinagdeen ishee qoqqobbii kanaan daran miidhamee jira.

Qoqqobbii hin mirkanoofneefi ergama siyaasaa qabutu narra kaa'ame kan jedhu mootummaan Eertiraa miidhaa irra gaheef beenyaan akka kafalamuuf gaafateera.

Ta'us biyyattiin sarbama mirga namoomaa hambisuuf homaa hin hojjenne jedhamtee qeeqamti.

Keessaahuu dargaggoota biyyattii hedduu baqaaf kan saaxile tajaajila biyyaalessaa dirqamaa dhaabsisuuf wanti hojjetame hin jiru jedhu warri mirga namaaf falman.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Taayyee Atsqasillaasee, "qoqqoobbiin ka'uun Eertiraaf carraa guddaa bana," jedhan.

"Investarootaa gara Eertiraatti akka dhufan taasisa, Eertiraas gara waltajjii idil-addunyaatti deebisa" jedhan akka AFP gabaasetti.