Itoophiyaafi Eertiraan waliigaltee nageenyaa mallatteessan

Waliigalteen Ministira Mummee Dr. Abiyyiifi Pirezidaanti Isaayaas Afawarqii gidduutti ganama kana mallattaa'ees dhimmoota mummee shan irratti kan xiyyeefate ta'u, Ministirri Odeefannoo Eertiraa Yamaanee Gabramasqal barreesaniiru.

Akka Obbo Yamaaneenn fuula tiwiitarii isaaniirrattti barreessanitti, haalli waraana biyyoota lamaan gidduu ture xumurameera. "Barri nageenyaafi hiriyyummaa haaraan eegaleera."

Akkasumas Biyyooti lamaanuu gama kallattii siyaasaa, dinagdee, hawaasaa, aadaafi nageenyaatiin walta'iinsa qabaachuuf walitti dhiheenyaa cimsuu irratti ni hojatu.

Akkasumas waliigalteen amma taasifame kun akka haala dippilomaasii biyyoota lamaanii gara walitti dhufeenya idileetti deebiisuu amanameera. Haaluma kanaanis Asimaraafi Finfinneetti imbaasii saaquun walitti dhufeenya dippilomaasii eegaluuf jedhaniiru.

Waliigalteewwan mallattaa'an keessaa kan biraa tajaajila xiyyaaraafi bilbilaa eeagaluun, akkasumas tajaajila buufataa eegalchiisuuf.

Kannaan duras daandiin qilleensa Itoophiyaa naannoo Eertiraa keessa balali'uu dhabusaatiin guyyaatti birrii kuma 100 dhabuusaa akka ibsee EBCn gabaaseera.

Waliigaltee biyyoonni lamaan mallatteessan ilaalchisuun Dursaan Waajira Ministeera Muummee Obbo Fitsum Araggaa barreeffama fuula tiwiitera isaaniirratti baasaniin, "Eertiraan seenaa hamaa gatii cimaa hin malle baasise cufuun fedhaafi faayidaa uummatashee giddu-galeessa godhachuun hojjettee boojuu deebifachuuf murannoon akka sochootu beeksifteetti," jedhan.