Haadha lammii Firaansi ilmoo deesse waggaa lamaaf kofoo konkolaataashee keessa dhoksite himatamte

Haati lammiin ishee Firaans taate tokko ilmoo ofumaan deesse waggaa lamaaf kofanii konkolaataashee keessa dhoksite himatamte.

Daa'imni haati waggaa lamaaf kofanii konkolaataa ishee keessa dhoksite kun kan mullachuu danda'e yeroo konkolaataan akka haaromsamuuf garaajii seenutti makaanikiin sagalee daa'imaa dhaga'uudhaan ture.

Haadhattiinis daa'im ishee kanarra miidhaa geessisuusheetiifi miidhaa qaamaa umurii guutuu waan irra geessifteef hidhaa waggaa 20 ishee eeggata jedhameera.

Dubartiin kun akka ulfoofte abbaa warraasheefi ijoolleeshee sadii dhoksuudhaaf akka kana gootes ibsameera.

Roozaa Maariyaa Da Kiruuz kan jedhamtu dubartiin kun magaalaa Tuulee jedhamtu keessatti kan himanni irratti baname yommuu ta'u daa'imashee kana kutaa tokko keessa dhoksuudhaan kofanii keessa dhoksaa turte jedhameera.

Daa'imni kunis rakkoo haati irraan geessifteen hir'ina nyaataafi kan quucarte ta'uullee gaabaasni jiru mulliseera.

Makaanikichi yeroo kofanii konkolaataa banutti fooliin hin taane akka itti dhufeefi daa'imnicoolagduun albaatiidhaan faalamte akka arge dubbateera.

Haati daa'imaa umuriin ishee ganna 50 taate kun yeroo poolisiin ishee gaafatetti "daa'ima osoo hin taane meeshaa akka ta'e" dubbattee turte.

abbaan manaa ishee garuu waa'ee ulfa dubartii kanaafi daa'ima dhalattee ergaramtee kanaa waan beeku waan hin qabneef bilisaan gaggeeffameera.

Adeemsi murtee kanaa amoo guyyoota shanii hanag torbaa fudhachuu dnada'a jedhameera.