'Waanti uummata jalaa dhokatu hin jiraatu' Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti-gaafatamaa Wajira Ministeera Muummee

Itti-gaafatamaa Waajira Ministeera Muummee kan turan Obbo Fitsuma Araggaa borirraa eegalanii bakka duraan hojjechaa turan Komishinii Invastimantiitti deebiyanii hojii isaanii kan eegalan yommuu ta'u Obbo Shimallis Abdiisaa ammoo bakka isaanii muudamaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa Sadarkaa Ministiraatti Hoogganaa Waajira Ministira Muummee ta'uun muudaman.

Obbo Shimallis akkaataa itti gafatamumma isaanitti kennameen, Waajira Pirees Sekireeteriyaati, Waajjira Madaallii Gahumsaafi Imaammataa, Waajira Gorsitoota Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaafi Waajira Ministira Muummee ni hoogganu.

Haasawaa Itti-gaafatamtuu Pirees Sakiritaarii Aadde Biil-lenee yeroo beeksisanitti dubbii dubbataniin hawwaasni odeeffannoo sirriifi wayitaawaa ta'e bifa qindaa'een akka argatuuf Pirees Sakiriitariin kun ga'ee ol aanaa qabaata jedhaniiru.

Dameen pireesii kun itti gaafatamummaa guddaa fudhatee hojii kanaan dura Waajira Dhimmoota Kominikeeshiniitiin hojjetamaa ture as giddu-galeessa godhachuudhaan guyyaa guyaan miidiyaalee waliin hariiroo gaarii uumuudha.

"Akka kabajamoon Ministirri Muumichaa yerro darbe waadaa galanitti waanti dhoksamu tokkollee hin jiraatu." Waanti hundumtinuu ifatti odeeffannoon barbaachisan yeroo isaatti kennamaa haalli itti deemamu ni uumama. Kana irrattis isin waliin hojii haaraa waliin ni hojjenna jennee amannas jedhan Obbo Shimallis.

Oduu Waajira Ministeera Muummee biraatiin, Waajirichi Pirees Sakiriitaarii akka haaraatti gurmeesse har'a ifatti hojii jalqabuu beeksiseera.

Itti-gaafatamaan waajirichaa Obbo Shimallis Abdiisaa isa dura kan turan Obbo Fitsuma Araggaa galateeffataniiru.

Yeroo dhiyottis caaseffamniifi itti gaafatamni akkasumas akkaataa adeemsa odeefannoo Pirees Sekiritarichaa irratti ibsi akka kennamu beeksisaniiru.

Itti-gaafatamtuun Pirees Sakiriitaarii kanaa Aadde Biil-lenee Siyyum akka jedhanitti Dameen akka haaraatti waajira Ministeera Muummee jalatti gurmaa'e kun hojii waajira dhimmoota komunikeeshinii duraanii hafee gurmaa'ina haaraa kana jalatti hojjetama.

Akka qaama hojiin ijoo Pirees Sakiriitaarii kanaattis, hojmaata haarawaa 'karoora fuula tokkoorratti' kan jedhu beeksiseera.