Paarlaamaa Awurooppaan pilaastikiin takkaa fayyadamanii gatan dhorke

Pilaastikiiwwan qarqara galaana Giriikitti gataman

Madda suuraa, Getty Images

Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa faalama galaanaa hambisuuf jecha fayyadama pilaasatikii gutummaan guutuutti dhorke.

Dhorkaa kun biyyoota miseensota gamtichaa ta'an hunda keessatti ni hojjeta.

Miseensonni paarlaamaa gamtichaa fayyadama fal'aana, saayinaa, haaduu fi pilaastikii ittiin cuunfaa dhugan dabalatee dhorkaa oomisha pilaastikii kamiyyuu deeggaraniiru.

Dhorkichi pilaastikii dhugaatii fi nyaataa takkaa faayidaarra oolanii gatamanillee dhorkee jiara.

Miseensi paarlaamaa tokko "yoo tarkaanfiin hin fudhatamne bara 2050tti galaana keessa lakkoofsi pilaastikii kan qurxummii ni caala" jedhaniiru

Akka qorannoon gamtichaan taasifame jedhutti guyyaatti pilaastikiin toonii 150,000 tahu gara qaamolee bishaanii Awurooppaatti nam'a.

Kunimmoo jireenya lubbuu qabeeyyii bishaan keessaa du'atti geessa.

Gosa qurxummii galaana keessa cittuu pilaastikii waliin haasa'u.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ocean plastic is often eaten by sea animals, with fatal results Pilaastikiin galaana seenu qurxummiin nyaatamnaan, ni ajjeesa

Tarkaanficha hojiirra oolchuuf danqaan yoo jiraateyyuu, hanga 2021'tti bu'aansaa ni mul'ata jedha gamtichi.

Osoo UK'n Gamtaa Awurooppaa keessaa hin bahiin dhorkichi qixaa'ee gara qajeelfamaatti yoo geeddarame UK'n seera biyyalessaasheetti madaqfachuu qabdi.