Pilaastikiin attamiin hanga fayyade booda miidhaan isaa guddate

Madda suuraa, Getty Images
"Yoon baay'ee dogogore malee kalaqni kuni fuuladuratti guddaa fayyada.'' Liyoo Baayekelaand jecha isaa kana A.L.A Adoolessa 11, bara 1907 waraqaa qorannoo isaa irratti barreesse. Umuriin isaa 43 ture. Bareeda hojjete.
Beeljiyeemitti kan dhalate yoo ta'u abbaan isaa kophee hodha ture. Abbaan isaa yeroo inni umurii 13 ture faana hojii isaanii akka hordofu godhani ture. Harmeen isaa garuu yaada biraa qabu ture.
Gargaarsa harmee isaatiin Liyoon mana barumsaa galgalaatti seene. Boodarras yunvarsiitii Geentitti carraa barumsaa argate. Umurii isaa 20'tti kemistiriidhaan doktireetii argate ture.
Intala barsiistuu isaas fuudhe gara Niiw Yoork imale. Mana maxxansa suuraa achitti banee qarshii baay'ee argata ture. Ergasi garuu hojii sana hin hojjenne.
Maatiin Baayekelaand mana bitan keessa Liyoonis laaboraatorii ijaarrate keemikaala irraa waa kalaquuf xuxxuquu eegale. Adoolessa A.L.A bara 1907'tti kemikaalota formaaldihaydii fi Feenol jedhaman qorataa ture.

Madda suuraa, Alamy
Qorannoon kuni carraa jireenya isaa lammaffaatti isa qajeelche.
Wanti Liyoo Baayekelaand baatii Adoolessa sanatti kalaqe pilaastikii ture. Baakelit jedhees moggaase.
Dhuguma fuuladuratti akka haalaan barbaadamu sirriitti tilmaamame ture. Pilaastikiin bakkuma hundaatti argama jedhe ture.

Milkaa'ina oomisha namtolchee
Korporeeshiniin Baakelaayit akka jedhetti ''Omishni isaanii wanta kuma irratti hojiirra oolu danda'a.''
Teeleefoonii, raadiyoowwan, qawwee, jabanaa bunaa, akkasumas faaya adda addaa hojjechuuf hojiirra oole. Yeroo boombiin atoomikii jalqabaa hojjetames itti fayyadamaniiru.
Milkaa'inni Baakelaayit wantoota artifishaalaa gara biraarratti qorannoon akka taasifamu godheera. Keessumaa A.L.A waggoota kurnan 1920 fi 1930 keessatti pilaastikiin baay'inaan oomishamu eegale.

Madda suuraa, Getty Images
Meeshaalee saamsuuf pilaastikiin polesteriin hojiirra oola. Uffanni qaamatti maxxanu immoo Naaylan haalaan akka beekamu taasiseera. Poliitaaylin immoo gosa pilaastikii yeroo hedduu fayyadamnuu fi korojoo hejjechuu tajaajiludha.
Fayyadamtummaan pilaastikii guddachaa kan dhufeefi omiishni isaas waggoota digdama dhufanitti dachaan dabala jedhame eegama.
Ilaalchi namni pilaastikiif qabu garuu jijjiiramaa jira.

Hiika jijjiirame
Namni kamuu dhiibbaa pilaastikiin naannoo irratti qabu hin haalu. Keemikaalli pilaastikii keessatti argamu guddinaa fi wal hormaata bineensotaa irratti dhiibbaa akka dhaqqabsiise ragaan jira.
Pilaastikiin kosii waliin yeroo gatame keemikaalli keessa jiru bishaan lafa jirutti waan makamuuf garba guddaatti dabalamuu malu. Yeroo garba guddaatti seenuus bineensonni garaa garaa sooratu.
Wanti isaan nyaatan suuta suuta karaa saayinsii funcaan soorataan dhala namaa bira gaha.

Madda suuraa, Alamy
Pilaastikiin garuu faayidaan naannoof argamsiisanis ni jira.
Konkolaattonni pilaastikii irraa hojjetaman ulfaatina guddaa hin qaban. Boba'aa xiqqoos nyaatu.
Pilaastikiin nyaata saamsuuf fayyada. Nyaanni akka hin banne gochuun kichuu ta'e akka turu, taasisa.
Pilaastikii oomishuuf yeroo fudhatu caalaa yeroo dheeraaf tajaajila kennuu danda'a. Meeshaalee aadaa caalaas yeroo hedduuf tajaajila.

Madda suuraa, Getty Images
Kosii deebiisani haaromsu
Pilaastikii deebisani haaromsuu irratti hojii keenya fooyyessuu qabna.
Pilaastikoonni muraasni kanneen akka Baakelaayit hin haaromfaman. Baay'een isaanii garuu haaromfamu danda'u garuu kuni hin taane.
Hammi pilaastikii saamsuuf taajajilu harka torba qofa haaromfame - hamma waraqaa fi sibiilaa gadi jechuudha. Kuni omoshaalee pilaastikii kaaniifis wal fakkaata.
Kana fooyyessuun qindoomina lammii tokko tokko, warshaalee indastirii fi mootummaa barbaada. Hammi haaromfamaa jiruus biyyaa biyyatti garaa gara.
Biyyi kanaan milkoofte magaalaa Taayippee, Taayiwaanitti argamtudha. Lammiileen erga itti fayyadaman booda akka haaromsan kan dirqite yoo ta'u yoo gochuu baatan akka adabdu seera basteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Oomishaalee haaraa
Oomishtoonni gosa pilaastikii haaraa kalaquuf ammas carraaqaa jiru.
Tooftaan dhiyeenyaa ''deebisani fayyadamu'' jedhuun eegalame pilaastikii gatame haftee qonnaa fi kaan waliin walitti makuun oomisha haaraa oomishuf yaadameera.
Liyoo Baayekilaand waan jedhe mirkaneesseera.












