Magaalaa Harar: Erga bishaanni nurraa citee ji'a lama jedhu jiraattonni

Jiraattota magaalaa Harar kanaan dura hanqina bishaaniitiin rakkoo keessa akka turan himanii, ammammoo inumaa bishaanni akka irraa cite dubbatu.

Aadde Illeeniin jiraattuu Qalaad Ambaati. Ganda keessa jiraatan ganda 17 keessatti bishaan boollaa wayita waraabbaachuu deemanitti arginee dubbisne. Erga bishaanni badee ji'a caaluu kan dubbatan Aadde Illeeniin ''Uummanni bishaan boollaa barbaacha gara baadiyyatti godaanaa jira'' jedhan.

''Bishaan boollaa danfisnee dhugaa jirra. Eela bishaanii kanaan dura qotamee duude irra deebiin haaressinee itti fayyadamaarra. Nama rakkoo keenya nuuf dhagahu hin qabnu.

Gandoota 19 magaalaa Harar keessa jiran keessaa ganda tokkotti bishaanni dhufeera jechuu dhageenyee wayita waraabbachuuf jennu dafee cufama. keessumaa namoonni deemanii hatattamaan waraabbachuu hin dandeenye baayyee rakkachaa jiru. Rakkoo hamaa keessa jirra.'' jechuun haala jiru ibsaniiru Aadde Illeeniin.

Jiraataa Ganda 05 kan ta'an abbaan ijoollee lamaa kan maqaansaanii akka hin tuqamne barbaadan rakkoon bishaanii magaalaa Harar furamuun hafee inumaa hammaachaa deemaara jedhan.

Mucaasaanii mana barnootaatti erguuf hanga gufuu itti ta'uutti kan ga'e rakkoo bishaanii wayita ibsan '' uffata miicuu, nyaata qopheessuu fi dhugaatiif bishaanni hin jiru taanaan barataadhaan mana barumsaa dhaqi jechuun ni ulfaata'' jedhan.

Rakkoon hanqina bishaanii inni ammaa waa sadi kan jedhan namni kun Harar duraan kallattii sadirraa bishaan argachaa turte jedhu.

Tokkoffaan magaalaa Haromaayaarraa kan argamu yoo ta'u birrii miiliyoona 10 jiraattota naannootiin gaafatamne jechuun bishaan addaan citeera. Kan magaalaa Dirree Dhawaarraa argamu ammoo sababa rakkoo elektirikiitiin addaan cituu dubbatu.

Wayita Mootummaan Naannoo Hararii guyyaa Sabootaa fi Sablammootaa qopheessite eebbifamee kan turemmoo bakkicharratti beenyaa ga'aan hin kaffalamne gaaffiin jedhu hawaasarraa dhagahamuun cimaa waan dhufeef addaan cituu danda'eera jechuun sababoota Harar rakkoo bishaanii keessaa bahuu dadhabdeef ibsu namni kun.

Sababa rakkoo bishaaniitiin waan isaan mudate wayita ibsan , ganda keessa jiraatan naannawa 'Budaa Bar fi Sangaa Bar' jedhaman keessatti lageen argaman waraabbachuuf halkan walakkaa waraabessaa waliin wal'aansoo wal qabaa akka turan, bishaan haala kanaan argatanis huccuu miicuu fi nyaata ittiin hojjechuuf akka itti fayyadaman dubbataniiru.

Dhugaatiif garuu bishaan saamsamee gurguramu gabaarraa binna, kanaanis baasii dabalataaf saaxilamaarra jedhan.

Obbo Abdulnaasir Kadir Jiraataa naannawa 'Goorgis Maqaabir' jedhamuuti. Bishaan erga dhabanii ji'a sagal ta'uu dubbatu.

''Lakkooftuu bishaanii ykn qoxaarii akka nu duraa hin kaasneef jennee ji'aan akkanumaan birrii 13 kaffalla. Yoo kaffaluu dhiisnemmoo birrii 30 nu adabu. Ji'a sadi dura wayita ummati iyyatu aanga'oonni mootummaa ba'anii torbee tokko qofa nu eegaa jedhanii turan. Amma garuu kunoo bishaan nuuf gadi dhiisuu mitii boombaan keenyayyuu gogeera. Kan duraan ji'atti tokko dhuftullee badde.'' jedhan.

Naannawa Diippaa jedhamuu bishaan boollaa baajaajiidhaan fiduuf gatii geejjibaa birrii 90 kaffalla kan jedhan Obbo Abdulnaasir bishaan jaarkaanii tokko birrii shanii binna jedhan. Yookaan gatiin bajaajii hanga birrii dhibbaa ta'a '' jedhan.

Namoonnillee sababa kanaan nannoosaaniitii mana kireeffataa akka hin jirre dubbataniiru.

Magaalaa Hararitti dhalatanii kan guddatan barsiisaan ganda 17 jiraatan tokko erga bishaan isaanirraa citee ji'a tokkoo ol ta'uu dubbatan.

Ofiisaaniitiin baarmeelatti bishaan kuufatanii akka fayyadaman kan dubbatan namni kun namoonni garuu jaarkanii baatanii magaalaa keessa jooraa oolu jedhan.

''Tibbana roobni xiqqoo roobee rakkoo tasgabbeessuuf yaale malee rakkoo bishaanii magaalaa kanaa hamaadha. Mana barumsaatti barattoonni sababa hanqina bishaaniitiin qaama osoo hin dhiqatin yeroo dheeraa turan jiru'' jedhan.

Ammaan tana bishaan argachuuf kiilomeetira 55 imaluun akka barbaachisu eeranii kana gochuu kan dand'an warra konkolaataa qabaniidha jedhan. ''Shaayii danfisuufillee bishaan birciqqoo tokko namoota hin argannetu jiru'' jedhan.

Obbo Daani'eel Birhaanee magaalaa Harar keessaa Hoteela qabu. Ji'a darbe keessa torbanitti birrii 2000n nama dhuunfaarraa akka bishaan bitan dubbatan.

Maallaqan siree kireessee argadhu deebiseen bishaaniin bita. Kanaan dura torbeetti altokko dhufaa waan tureef kuusaa bishaanii guddatti kuufanne fayyadamna turre. Amma wayitanni tasuma badu garuu filannoon qabnu maallaqa guddaadhaan bituu qofadha.'' jedhan.

Hoji geggeessaan Waajjira Bishaanii fi Dhangala'aa Naannoo Hararii Obbo Tawaldee Abdoosh rakkoon bishaan dhugaatii magaala Harar gaaffii jiraattonni naannoo pirojektii bishaanii jiran kaasaniin walqabata jedhanii dubbachuusaanii Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii naannochaa Feesbuukiisaarratti barreesseera.