Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Yugaandaa Museviniin Kaani West fi Kim Kardaashiyaanif maqaa baasan
Pirezidantiin Yugaandaa Yuwerii Musevinii weellisaa raapparii Yunaayitid Isteet Kaani West fi haadha warraa isaa Kim Kardaashiyaanif maqaa Yugaandaa baasan.
Weellisaan raappari kuni isaan dubbisuuf masaraa mootummaatti imalani ture.
Akka waajjirri masaraa mootummaa Musevinii jedhetti, Kaani Westif maqaa Yugaandaa Kaniyesigiye jedhamu kennanif. Hiikni isaas ''nan amana'' jechuudha.
Haadha warraa isaa Kim Kardaashiyaan immoo Kemigishaa jedhanin. Hiikni isaa, ''kan Waaqaan eebbifamte'' jechuudha.
Waajjirri masaraa mootummaa akka jedhetti weellistonni lammanuu maqaa baasaniifin gammadaniiru.
Kaani West ji'uma darbe maqaa isaa Ye jedhe jijjiiree ture.
Weellisichi Yugaandaa akka biyya isaa lammataa akka ilaaluufi mana barumsaa turizimii biyyattiitti hundeessuu akka yaada qabu himeeraa jedha waajjirri masaraa Obbo Musevinii.