Maalezhiyaa: Bishaan daaktonni lubbuu baraaran jaha bishaaniin nyaataman

Maalezhiyaa keessatti, bishaan daktoonni lubbu baraaran jaha oladeema bishaan warshaa albuuda baasaa tajaajila dhaabe keessatti kufe olchuuf utuu yaalanii lubbuun isaani darbe.

Guyyaa Roobii oladeemaa umurii 17 utuu hiriyyoota isaa waliin qurxummii kiyyeessuu bishaanicha keessatti kufee jedhame yaadamu olchuuf barbaadaa turan.

Daaktonni kun dingata buubbee wiirtuu bishaani (whirlpool) keessatti akka qabamaniifi danbaliin ciimaa dingata dhufes meeshaa isaani akka gachisisee aangaa'oonni ibsaniru.

Barbaachi oladeemaa badee kanaas Kamisa itti fufeera.

'Guyyaa gaddaa guddaa dha'

Oladeemaan kunifi hiriyyoonnisaa bulchiinsa Selaagor aanaa Sepaangitti utuu kiyyeesuuf yaalani akka inni kufe gabaasameera.

Aanaa Sepaangitti hogganaan polisii Abdul Aziiz Alii daaktooni kun lubbuu bararuuf yeroo deemanitti adeemsa barbaachisa ta'e hunda akka hordofan dubbata.

Mamiltoonni isaani yeroo isaan olchuuf yaalanitti namootni kun nannoo daqiiqaa kudhaniif bishaan keessa turan. Bishaan keessa yeroo bafamanitti of wallaalanii turan, sana booda lubbuu isaanii olchuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.

Dareectarri damee ittisa abiddaafi lubbuu baraaru Mohaammad Hamdan waazii "Yeroo jalqabaafi kan namootni jaha du'an.'

"Kun nuuf guyyaa gadda guddaa dha." jedhaniiru.

Namootni 500 ta'an awwaalcha namoota kanaa irratti argamaniiru.