Garee baraartotaa Taayilaand: Ijoolleen dhiiraa 'ji'ootaaf holqa keessa turu'

Ijoolleen dhiiraa kudha lamaafi leenjisaan kubbaa miilaa isaanii Taahi'tti holqa keessatti danqaman lubbuun jiraachuun dhaga'ameera. Haata'u malee holqa kana keessaa ba'uudhaaf gurdumsoo barachuu ykn hanga lolaan darbutti ji'oota muraasaaf turuu qabu jedha humni raayyaa biyyattii.

Gareen ijoollee ol adeemoo kun erga guyyoota sagaliif achi-buuteen isaanii dhibamee booda Wiixata namoota gurdomsoo beekaniin holqa keessa qarqara lafa gogaatti dheessanii bakka jiranitti argaman.

Baraartonni yeroo ammaa garee ijoollee kanaaf waan barbaachisu dhiyeessuufiif bishaan guutaa jiru waliin wallaansoo walqabaa jiru.

Akka odeeffannoon humna ittisaa agarsiisutti nyaanni yoo xiqqate ji'oota itti aanan afuriif isaaniif ga'u ergamuufii qaba.

Akka ijoolleen kun maatii isaanii waliin walqunnamuu danda'aniifis holqa kana keessatti ibsaaniifi toorri bilbilaa akka galus yaaliin taasifamaa akka jiru Bulchaan Chiyaangi Ra'ii Naaroongisaak Ostaanaakoon dubbateera.

Attamiin argaman?

Baraartonni lammii Biriitish gordumsoo dand'an lama duula ijoollee barbaachuu kanatti makamanii Wixata galgala argan.

Akka baraartonni kun bakka ijoolleen 13'n itti walitti qabaman baatiriin argetti hundi isaanii nagaadha.

Ijoolleen kun yeroo ammamiif akka lafa sana jala akka turan ykn yoom akka ba'uu danda'an gaafataniitu.

Isaan keessaa gurbaan tokko: "Ohoo. Boor sin arga jedheen abdadha," jedhe.

Akkamiin olqa kana jalatti hafan?

Ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii 11fi 16 gidduu ta'an leenjisaa isaanii ganna 25 ta'e waliin gaafa Waxabajji 23 bakka buuteen isaanii dhabame. Ijoolleen kun holqa kana kan seenan yeroo inni gogaa turetti yommuu ta'u osoo isaan keessa jiranii bokkaan cimaan roobaa ulaa ba'aa akka isaan dhowwe amanama.

Ijoolleen kun olqa kana keessa lafa gogaa asiifi achi deemuu ni danda'u garuu ulaa ittiin ba'uu dand'an lolaan guddaan cufeera.

Akkamiin achi keessaa baasuun dand'ama?

Ijoollee olqa kana keessatti danqaman nagaan baraaruun haala amma jiruun baayyee hamaadha.

Holqi walxaxaan Taamuu Luwaangi Kaaba Chiyaangi Ra'iitti argamu kun yeroo bokkaan cimaan roobu mara ni guuta, hanga baatii Fulbaanaafi Onkoloolessaattis ni tura.