Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hiriira deeggarsa MM Abiy Ahimad irratti boombbii dhoosuun kan shakkaman shorokeessummaan himataman
Dhukaasa boombii hiriira deeggarsa Ministira Muummee baatii Waxabajjii darbe Magaalaa Finfinneettii mudate irratti kan boombii dhukaasuun shakkaman shorokessummaan himataman.
Mana Murtii Federaalaatti dhaddachi yakkaa Lidataa har'a taa'een, Abbaan alangee dhukaasni suni Ministira Muummee ajjeesuuf kan raawwateedha jechuun himannaa keessatti ibseera.
Dubartiin ajjeechaa kana qindeessite dubartii Gannat (Tolashi) Taamiru jedhamtuufi biyya Keenyaa jiraattu ta'ushee abbaan alangaa himeera.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti himatamtoonni Obbo Geetuu Girmaa, Obbo Birhaanuu Jaafaar Obbo Xilaahuun Getaachaw, Obbo Baahiruu Tolasaa fi Obbo Dassaalany Tasfaayeedha.
Guyyaa dhukaasa sanaa dargaggoonni Musaa Gaaddisaa jedhamu Wallaggarraa akkasumas Yooseef Ayyaalew jedhamu Walaayittaarraa lubbuu dhabuun isaanii ni yaadatama.
Lammiileen 150 ol ta'an immoo madaa'uun isaaniis ni yaadatama.