Qorannoon balaa boombii Finfinnee maalirra jira?

Hiriira deeggarsaa Minstira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimadiif Finfinnee, addabaabayii Masqalaatti taasifamerratti gosni boombii dhoo'ee fi mana shakkamaatti argame, kan walfakkaatu tahuu poolisiin beeksise.

Poolisiin dhimma kana qoratu, sadarkaa qorannoon irra jiru Mana Murtii Sadarkaa Tokkoffaa Federaalaaf wayita ibsa kennetti, boombii gaafa sana dhuka'e waliin walfakkaatu akka argatan kan beeksisan.

Yakki kana keessatti gaggeessitoota olaanoo hanga gadiitti harka keessaa akka qabanis ibsameera.

Kana malees, balaa gaafa sanaan shakkamtee hospitaala Amaanu'elitti wallaanamaa kan jiru Hiwoot Gadaa, qorannoon isheerratti taasifamuus addaan cituus ibsameera.

Dhaddacha kanarratti sadarkaan qorannoo shakkamtootaa Bayyanaa Bulaa fi Abdiisaa Magarsaa maalirra akka gahe ibsameera.

Bu'aan qorannoo teknikaa FBI fi kanneen biroo hanga dhaqqabuuf ammas irra deebiin poolisiin beellama guyyoota 14 gaafateera.

Abukaatoon Abdiisaa Magarsaa waan jedhan, maamilli isaanii kan shakkame waahillan isaatiif waahee dhoo'insichaa ifa gochuun.

Bayyana Bulaa gama ilaaluun namoota waliin ta'uuf shakkaman kan biraa waliin ta'uun attamiin boombiin akka dhohu waliin haasa'uun boombichi akka dho'u taasisuu isaa ragaa mul'isan akka qabu ibseera.

Shakkamaa lammaaffaa kan ta'e Abdiisaa Magarsaas erga boombiin dhooheen booda booda miidhaan eenyu irra akka qaqabeefi haala miidhaa waahiloota isaatiif gabaasa taasisuu isaa ragaan mul'isan qaba jechuun gaaffii wabii isaanii mormeera.

Haaluma kanaanis dhimma himatamtoota kanneen lamaanii qoratee dhiyaachuuf guyyaa beelamaa 14 dabalaaan poolsiin gaafate manni murtichaa hayyameefiira.

Dhadacha saadrkaa lammaaffaattin ammoo dhimma Abdiisaa Qanane, Dasaalanyi Tasfaayee, Geetuu Girmaa fiBaahiruu Tolaa fa'ii kan ilaalee yoo ta'u, poolsiinis hojii qorannoo hojjachuu isaa ibsuun qarannoowwan teknikaa fi ragaawwan walfakkaatan FIB irraa dhiyeessuuf guyyaan 14 akka kennamuuf gaafateera.

Manni murtichaas haaluma poolsiin himatamtoonni dhimma ittiin shaakkaman irratti ragaadhaan akka mirkanneessuuf gaafateen, boombii adabaabaayi masqalaattii miidhaa qaqabsiisuuf gaafa Waxxabajjii 16 ALI tti darbatamee ture sanaan kan walfakkaatu mana jireenyaa Girmaa Geetuutti argamu isaa ibseera.

Abidiisaa Qananee ogummaa fayyaa qabutti gargaaramuun namicha boombii dhosuun ofii isaatirraanis balaa qaqabsiisee ture akka miliquuf Hospitaala Abeetiitti karaa duubaatiin narsoota kadhachaa turuusaatiif ragaa qabaachuu poolisiin himeera.

Manni murtii dhimmicha hordufuus haala walxaxiinsa qarannoo fi yakkichaa cimaa ta'u eeruun yeroo dabalataa poolisiin gaafate guyyoota 14 keessatti qorannicha xumuruun akka dhiyaatuuf haaluma gaafatameen yeroo dabalataa hayyameefiira.

Odeessa kana Fana Broadcasting Corporation irraa arganne.