Obaang Metoon: ''Rakkoon Gambeellaa bubbuleera, ta'ulleen deebii tokkollee hin arganne,''

Walitti bu'insa magaalaa Gambeellaatti dheengadda uumameen namoonni sagal lubbuun darbuufi 21 ammoo midhaan irra ga'uu hojii mirga namoomaan kan beekamu Obbo Obaang Metoo BBC'tti hime.

Obbo Obaang "dargaggoonni kunneen kan du'an rasaasa humnoota nageenyaan itti dhukaafameeni'', jedhu.

Jiraataan magaalaa Gambeellaa Gaatwiich Gaalwaak jedhamu waldhabdeen kuni okkara dargaggoota saba Anyuwaakiifi Nuwer gidduutti uumame jedha.

Obbo Obaang garuu gaaffiin dargaggootaa gaaffii bulchiinsa gaariiti jedhu.

''Rakkoon Gambeellaa bubbuleera. Haata'u malee, deebii tokkollee hin arganne,'' jedha Obaang Metoon.

Erga ministeerri muummee dhufani asis Gambeellaatti wanti haaraa hinjiru jechuun BBC'tti himaniiru.

Jiraattonni magaalaa Gambeellaa gaaffii kana qabatanii hiriira kan ba'an Wixata darbe ture jechuun dubbata Obaang.

''Dargaggoonni karaa naga qabeessa ta'een ture kan gaaffii isaanii dhiyeessaa turan. Gommaa tokko gubuurraa kan hafe namni ulee qabatellee hin turre, dhagaallee hin darbanne," jechuun ibsan.

Isaan booda ture qaamoleen nageenyaa namoota hiriira nagaarra turan kanatti kan dhukaasuu jalqaban jedhu.

Dhimma kana irratti qondaaltota mootummaa gaafachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.