Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Gambeellaan hanga ammaa hin ida'amne"
Jijjiiramootni mootummaa giddugaleessaan eegalaman naannoo Gaambeellaa keessatti hojiirra oolaa akka hin jirre sosochiin naannoo Gambeellaa beeksise.
Dubbi himaan dhaabbatichaa Obbo Obaang Ukkuumu sosochiin naannoo Gambeellaa waggoota digdamaa olif qabsoo hidhannoorra akka ture ibsa har'a miidiyaalef kennanin himaniiru.
"Waamicha ministirri mummee Abiy Ahimad nuf taasisanin karaa nagaatin qabsaa'uuf gara biyyaa galleerra" jedhaniiru.
"Maqaa naannolee guddachaa jiran jedhun loogiin uummata naannichaa irratti raawwatamaa tureera" kan jedhan obbo Obaang uummatni naannichaa nageenya biyyattiif aarsaa kaffalaa turullee hojii hooggansa biyyaa irraa dhiibbamaa akka ture himaniiru.
Gama biraatin dhaabbatichi saamichi qabeenya uummamaa maqaa invastimantiitin naannicha keessatti raawwatamu akka dhaabbatuf akka qabsaa'u beeksiseera.
Dhaabbileen dimokiraasii kanneen akka boordii filannoo fi mirga namoomaa dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa ta'anii akka hojjetanif ni hojjenna jedhan dubbi himaan sosochii naannoo Gambeellaa obbo Obaang Ukkuumu.
Itoophiyaa keessatti qaamoleen mootummaa sadan seera baastuu, seera hiiktuu fi seera raawwachiistuu maqaaf kan dhaabbatanidha kan jedhan dubbi himaan dhaabbatichaa fooyya'iinsa qaamolee mootummaa kunneenif ni hojjenna jedhaniiru.
Loltoota isaanii biyya keessa fi biyyaalee ollaati akka qaban kan himan itti aanaa preezidaantin sosochii naannoo Gambeellaa Obbo Pitar Omot ministira mummee Abiy Ahimad walin marii erga taasisanii booda loltootni isaanii gara fulduraatti gara biyyaa akka galan dubbataniiru.