Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saamtonni Naayijeeriyaa namoota dooniin ilmalan butan
Saamtonnii galaanarraa hojjettoota 12 doonii fe'umsaa Swiiz irraa butan.
Dhaabbatni geejiba doonii Maasoo'eel, dooniin fe'umsaa MV Glarus jedhamtu gaafa saamtoonni yeroo haleelan Leegos irraa qamadii feetee gara Poort Haarkoortiitti deemaa turte
Saamtonni kunneen masalaalii dheeraa fayyadamuun funyoo sibiilaa doonicha irra jiru kutuun doonii dhaabani jechuun dhaabbatichi AFP tti himeera
Weerartooni kunneen odola Boonii jedhamturraati haleellaa kana raawwachuun hojjettoota 12 hanga 19 tahan kan butan
Dubbii himaan dhaabbata geejiba galaanarraa Maaso'eel saamtoonni kunneen meeshaalee qunnatii dooniichaa akka jiruun barbadeessaniiru.
Hojjettoota kunneen keessaa torba lammiilee Fiilipiins yoo taha, lammiiwwan Islooveeniyaa,Yukreen, Roomaaniyaa, Kirooshiyaafi Boosniyaallee kanneen butaman keessa tahuu Rooyitars gabaaseera.
Maatiin namoota butanii dhimmichi dhiyenyaan akka hordofan taasifeemeera jedha dubbii himaan dhaabbata geejiba kanaa.
Namooonni butaman akka nagaafi hatattamaan akka gadhiifamaniif godhamaa akka jiru dhaabbati geejiba galaanarraa himeera.
Ministirri dhimma alaa Maasoo'eel namoota qabaman keessaa lammiin Siwiiz akka keessa hin jirre mirkaneesseera.
Qarshiif namoota butuun Naayijeeriyaatti waan baratamee dha. Namooti beekamoo biyyattiis kanaaf saaxilamaa turan.
Qorannoon Oshin Biyoond Paayirasii jedhamu bara 2017 irraa qabee gochaan akkasii raawwataa ture jedha.