Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellisaa Eertiraa ganna 19 booda abbaasaa lammii Itophiyaan wal arge
Daawit Taklesenbet hawwaasa biratti maqaa Shiilaan jedhamuun beekamu torban darbe waggaa 19 booda abbaasaa waliin wal argeera.
Daawit Asmaraatti kan dhalate yoo tahu haadha warraasaa fi ijoolleesaa waliin gara magaalaa naannoo daangaa Itophiyaa fi Eertiraa Zaalambessaa dhufe.
Angesoom Teklaay yeroo balaliinsi jalqabaa Itoophiyaadhaa gara Eertiraatti eegale Daawitiin Eertiraatti arge.
Angesoom torban darbe yeroo cidha godhatu Daawitiin akka achirratti argamu affeeruun abbaa isaas waamee osoo hin eegamiin wal argisiisuun isaan raajeffachiiseera.
Yeroo abbaasaa argee dubbisus ''Waaqayyo na gargaaree waggaa 19 boodan abbaa koo argadhe'' jedhe.
Daawwit artistii beekamaa biyyittiin qabdu keessaa isa baay'ee jaalatamaadha.
Daawwit aartiin anaaf kennaa uumamaan argadhe jedhe.
Ijoollummaa isaa irraa eegaluunis kiraara taphachaa akka guddate BBCtti hime.
Sirboota isaas Kiraaraan faayee Abbaashaawul, Idagaabur Hamus, fi Idagaa Arbitti agarsiisaa ture.
Bara 1995 leenjii waraanaaf gara Sawa deemuun achitti weellistoota muuziqaa aadaa Sawatti makamuusaa dubbata.
Daawwit Sirba isaa ''Eertiraa biyyakoo,'' [Eertiraa Haageree ] jedhamuun hawwasa bal'aa Eertiraa biratti beekama. akkasuma sirbootnisaa Itoophiyaattillee beekamoodha.
Daawwit muuziqaa qeenxee 60 ol hojjeteera.
Maqaasaa masoo ''Shilan'' jedhus Albamii isaa jalqabaa irraa argate. Shilan gosa mukaa foolii gaarii qabu ykn Urgooftuu jechuudha.