'Laga Marabii asitti lafa keenya'

Waraana namoonni kuma 100tti siqan irratti dhumanirratti laalaa qiimii ta'ee kan hafeef fala ta'a jedhamee kan eegamee ture walii galteen Aljeersi hinumaa coqqolloo caalu dhalee yeroo dheeraaf tureera.

Walii galtee Aljeersi irratti dhimmoota walfamisiisoof fala kan ta'u, kan biyyoota lameen walii galcha jedhame garuu tibbana dhagahameera.

Koreen hoji raawwachiiftuu ADWUI walii galtee Aljeersi fi Murtee Komishinii Dhimma daangaa guutummaa guutuutti fudhatee hojiirra oolchuuf murteesseera.

Bu'uura Itoophiyaan kanaan Baadimmee dabalatee iddoowwan daangaarra jiran kanneen Eertiraaf murtaa'an ni kennitiif jedhamee eegama.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmad murtechi murtaa'ee borumtaasaa walga'ii dhimma Farra Malaammaltummaa geggeeffamerratti yaada kennaniin, Asmaraa fi Finfinnee gidduutti geejjibni baaburaa, baasii akka jiraatu feena jedhan.

Hariiroon diinagdee fi obboloonni biyyoota lameenii akka wal argan lammiileen Itoophiyaan ejjennoo walfakkaataa qabaachuu qabu jechuun bu'a qabeessummaa murtee kanaa ibsaniiru.

Ta'us garuu murteen koree hoji raawwachiiftuu qeequmsa jalaa ba'uu hin dandeenye.

Bara 1993 wayita walii galteen Aljeersi mallattaa'u miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa kan turan dura taa'aan Paartii MADRAK Pirofeesar Bayyanaa Pheexroos nama murteen kun itti hin tolle keessaati.

''Dhimma kanarratti wayitan miseensa paarlaamaa tures ejjennoo qabadheen ture. Walii galteen Aljeersi Itoophiyaa waan fayyaduuf irra deebiin akka irratti dubbatamu ejjennoo jedhu qabannee turre," jedhu.

Ammallee ejjennoo walfakkaataa akka qabanii fi murteen ammaa kunis lammiilee Itoophiyaa kan walii galchuudha jedhanii akka hin amanne ibsaniiru.

Dura taa'aan Paartii Aranaa Tigraayi Abrahaa Dastaa gama isaaniin paartiin isaanii murtee amma darberratti akka walii hin gallee BBCtti himaniiru.

''Ummata mariisisuutu irra ture. Paartilee fi qaamota dhimmi ilaallatu biroo waliin dubbachuun barbaachisaa ture," jedhu.

Dhimmichi qaama biraa qoollifatanii walga'ii taa'amuun kan furamu miti. Waan walxaxaa ofkeessaa qaba'' kan jedhan dura taa'aan kun itti dabaluunis lafa aarsaan meeqa itti kaffalame haaluma salphaa kanaan dabarsanii kennuudhaan nageenyi argamu akka hin jirres ibsaniiru.

Murteen kun erga murtaa'ee qeequmsi namoota siyaasaarraa qofa osoo hin taane lammiilee biyyattii hedduurraa dhagahameera.

Dhimma kana qabatanii addababayiitti bahuun komiisaanii dhageessisuuf kan qophaa'an jiran keessaa Aanaan Iroophi kan naannoo Tigraayii fi Eertiraa gidduutti argamtu ishee tokkodha.

Jiraataa magaalattii kan ta'an W/maariyaam Bisraat ummanni eenyummaasaa kabachiisuuf jecha hanga Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti deemee komiisaa dhiyeeffachaa akka ture dubbatu.

''Biyyoonni lameenii fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhimmicha ilaaluun akka furmaata itti kennaniif qabsaa'aa jirra," jedhu.

"Nuuf dhimmi kun dhimma jiruu fi du'aati. Murtecha hin fudhanne, mormineerra.'' jedhan.

Kan Eertiraaf dabarfamtee akka kennamtu dubbatamaa jirtu Magaalaa Baadimmeetti Kantiibaa kan ta'an Obbo Tilaahun G/madhin gama isaaniitiin murtee kanatti akka hin gammadne dubbataniiru.

''Baadimmeen irratti mariyachuufi walfamuuf kan geessu miti. Durirraa eegaltee bulchiinsa Tigraayi jala kan turteedha. Amma eenyu akka irratti walfamuuf akka haala mijeesse naaf hin galu.'' jedhu Obbo Tilaahuun.

''Kan nu daangessu laga Marab. Laga Marabii asitti lafa keenya, mootummaa fi Ummanni Itoophiyaa nagaa barbaada," jedhu.

"Nageenyi garuu fedhii ummattoota biyyoota lameeniitiini malee fedhii garee tokkoo qofa eeguun kan mirkanaa'u miti,'' jechuun yaadasaanii BBC'f kennaniiru.