Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
''Waggaa 37 booda nama obboleessa koo ajjeese Feesbuukiirrattin qabe''
Biyya Ingiliiz kutaa Oxfoordshaayer kan jiraattu Peeni Faarmar nama waggaa 37 dura obboleessashee ajjeesee seera jalaa baqatee ture tasa Feesbuuk irratti argatte.
Intarneetarratti wanti ati hin arganne hin jiru. Hiriyyaa kee ijoollummaa, fira argitee hin beekne, jaalalleekee bara durii, tariimmoo, saree manatti guddifatte si jalaa baddes.
Yoo jara kana dhabdellee nama jara kana beeku hin dhabdu. Barichatu bara miidiyaa hawaasummaati - wanti dhokatu hin jiru.
Bara 2015 Peenii Faarmar galgala tokko deemsa miillaa gabaaban of bohaarsitee wayita manatti galtu laap toopishee bantee feesbuuk irratti maqaa nama obboleessashee akka ajjeese amantuu katabde.
Suurri namni areeda daalachaa, koofiyyaa fi manatsirii aduu kaayate fi shamiza uffate as bahe. Peeniin wayita suura san agartu sun nama obboleessa ishee ajjees akka ta'e amante.
''Maaliif dursee akkan hin agarre rabbitu beeka,'' jetti peeniin.
''Kaniin yaadaa ture namni kun nu jalaa baqatatee lafa fagoo wayii kan jiru ture. Galata rabbii argadheeraan''
Bara 1978 reeffii obboleessa Peenii fi haadha warraa isaa qarqara galaana Guwaatimaalatti argame. Haala sukkaneessan ajjeefaman.
Abbaa manaa fi haatimanaa eessaa fi akkamitti akka ajjeefaman ragaan mana yaalaa fi abokaattoo maatii kanaa ifa ta'us namni ajjechicha raawwate miliquun himame.
''Bara kompiiwtarrii fi moobaayilli hin jirre sanu hangam akka ulfaatu yaaduun namatti hin ulfaatu'' jetti Peeniin.
Bara obboleessi ishee ajjeefame Peeniin shamarree ganna 17 Yunivarsitii galteedha. Amma heerumtee ijoollee sadii qabdi.
Abbaan ishee dhoksaa ajjeechaa ilmasaanii duuba jiru osoo hin bariin bara 2013 tti boqotan.
Barbaacha feesbuukii waggaa tokkoof ji'a lama booda bara 2016 ji'a mudde keessa namni obboleessa ishee fi haadha warraa isaa ajjeese Siilaas Boston jedhamu hordoffii poolisiin taasiseen to'annoo jala ooluun himatameera.
Rakkoo fayyaa qabaachaa kan ture Booston waldhaansi fayyaa kennamuuf fedha isaan akka adda citu gaafatee bara 2017 ji'a Eblaa keessa lubbuun isaa darbuu Peeniin dhageesse.
''Waanan gowwomfame natti fakkaata. Osoon dhadacharatti argadhee jireenya matii keenya lammanii akka itti hammeesse jeeqe itti himee natti tola ture. isa qabuun abjuukoo aarsaa hunda kaffaluuf ture. garuu ni miliqe,'' jetti Peeniin.