Feesbuukiifi Tiwiitarri akkaawuntiiwwan duula Raasgiyaafi Iraaniin walqabate haquuf

Feesbuukiifi Tiwiitarri akkaawuntiiwwan dhibba hedduun lakkaa'amaniifi Iraaniifi Raashiyaan walitti dhufeenya qabaniifi oduuwwan sobaa tamsaasan dhorkeera jechuun beeksiseera.

Feesbuuki qorannoo baatiiwwan booda duula Raashiiyaafi Iraan gaggeessanin walqabatee akkaawuntiiwwan ragaa sobaa tamsaasan adda baaseera jechuun beeksiisuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaanis hanga ammaatti fuulawwaniifi akkaawuntiiwwan garee 650 ol ta'an kan nama dogongorsan ta'uun argamaniiru jechuun ibseera hundeessaan Feesbuuk Maark Zukarbargi.

Ibsa kubbaaniyichi baaseenis, ''akkaawuntiiwwan amalli sobaa akkasii irratti mullatu cufuudhaaf dirqamneerra. Kunis namoonni qunnamtii midiyaalee hawaasaa taasisan irratti amantaa akka qabaatan sila barbaannuuf,'' jedheera.

Tiwiitariin gama isaatiin akkaawuuntiiwwan 284 Iraaniin walqabatan cufuu isaa beeksiiseera.

Kunis kan ta'e erga kubbaaniyaan Maayikroo Sooft Rusiyaan haanna garee harbeessittoota Ameeriikaa irratti taasiftuun gufachiifneera jedheen booda ture.

Dulichi amma illeen kan gaggeeffamaa jiru ta'ulleen, tarkaanfiin kunis namoota jiddu gala bahaa, Ameerikaa Kibbaa, Ingliiziifi Ameerikaatti intarneetiin gara garaatti fayyadaman irratti hojiirra olfama jechuun ibseera.

Akkaawuntiin sobaa attamiin bira gahaman?

Kubbaaniyaawwan midiyaalee hawaasaa kunneenis dhaabbata waa'ee nageenya odeeffannoo irratti hojjetu FireEye jedhamurraa odeeffannoon qaqqabe. Odeeffannoon kunis akkaawuntiiwwan kunniin pirooppogaandaa Iraan kan harbeessan akka tahe baase.

Waliigaltee dhaabbaticha waliin taasiseenis akkaawuntiiwwan piropaagaandaa Iraan tamsaasan hedduu beekuu danda'eera.

Akkaawuntiiwwan bara 2011 irraa kaasee turan ajangaan isaanii irra caalaan haala siyaasa jiddu gala bahaa waliin kan walqabatu ture. Isaan alattis siyaasa Ameerikaafi Ingilizii ture kan ilaalu ture.

Kubbaaniyaan Maayikiroosooft gama isaatiin, sakkata'iinsa ragaatiin duubas kanneen ragaa hatan jiraachu himeera.

Maayikirosooft gara tarkaanfii kanaatti kan galees, Ameerikaan hayyulee Raashiyaa 12 kan ragaa saccaasan akka ragaa kompitara Hiilaarii Kilintaniifi paartiin Dimokraatawaa itti fayyadaman akka hataniif waliigaluutti aansee ta'un ibsameera.